Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Union of Oromo Students in Germany (UOSG)

Baga Nagaan dhuftan! Welcome! Herzlich Willkommen!

Labsa Kora bu’ureessaa

 

Nuti, miseensonni Kora Bu’uressaa Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO) sochii politikaa Oromoo haaraya dhugoomsuu keenya labsina. Sochiin haarayni kunis, kan haqa Oromoo fi saboota Itophiyaa maraaf falmu ta’a. Tarkaanfiin fudhanne kun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonnaa haaraya saaqa. Kana qofa osoo hin taane, empayerummaa Itophiyaa hundeedhaan buqqisee sirna federalummaa demokraatawaadhaan bakka buusuu akeekkata.

 

Sochii Oromoo haaraya kana oggaa bu’uressinu hubannoota irraa kaanu qabna. Sunis, Itophiyaan eega gaafa dhalatte irraa kaaftee mana hidhaa sabootaa fi sablammootaa ta’uu isee ti. Kanaaf, yoomillee caalaa dararamuun, salphachuun fi saamamuun Oromoo fi saboota biraa irra gahaa jiru dhaabbachuun barbaachisaa dha; ni danda’amas. Injifannoo akkasitti akka inni gumaachuufi kan nuti sochii haqa saboota hundaaf falmu bu’uressineef.

 

Ejjennaan nuti haqa namootaa fi saboota hundaaf falmuudhaaf fudhanne kun waan irraa maddu ni qaba. Sunis, dabni (injustice) bakka fedhettuu raaw’atamu bakka hundattuu haqa gaaga’uu hubachuu dha. Waan ta’eef, haqaa orma biraa, keessattuu kan ollaa, dagatanii kan ofii qofaaf qabsaawuun faayidaa waaraa hin argamsiisu.

 

Ejjennaa kana fudhachuudhaan, qabsoon hiree murteeffannaa isaatiif Oromoon geggeessu kan haqa namootaa fi saboota hundaaf falmuudhaaf isa dandeessisu akka ta’utti hiikaa haaraya kenninaaf. Hiikaa haaraya kana maxxanfachuun keenyas kan akeeku, qabsoo hogganummaa Adda Bilisummaa Oromoo jalatti geggeeffamaa har’a gahe haaluu keenya akka hin taane hubachiisuu feena. Akeekni ammaan booda qabsoofnuuf milkiiwwan hanga ammaa galmaawan irratti ijaaruudhaan seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonaa haaraya saaquu dha.

 

Empayera taatee hanga har’aa gahuun Itopiyaa, qabsoo Oromoonii fi sabootni cunqurfamoon biraa mirga hiree murteeffannaa isaaniitiif geggeessan haqa ta’uu mirkaneessa. Bara 1991 hogganni empayerichaa murna tokko irraa gama biraatti jijjiirame malee sirni empayerummaa hunden hin jijjiiramne. (bakkuma jira).

 

Sirna empayerummaa kanas, yeroo jalqabaatiif dhumaatiifis, buqqisuun ni danda’ama jennee amanna.Sunis,sirna federalummaa sab-daneessaa (multi-national) kan dhugaatti demokraatawaa dhugoomsuudhaanmirkanaawa. Akeeka kana hojiitti hiikuudhaafis, yaadootaa fi sirna bulchiifamoota ambatti (citizenship) jijjiiraman akeekna. Gaafa jijjiiramni akkasii dhugoome irraa kaasee, Itophiyaan biyya-waloo kan mirgootanagummaa, fi eenyummaa saboota hundaa wal-qixatti kabajjee mul’iftutti jijjiiramti.

 

Ejjennaan nuti Itophiyaa akka fedireshena sab-daneessaa demokraatawaatti caasesuudhaan bulchiifamoota ambatti jijjiiruudhaaf fudhanne kun ejjennaa (warra) mootummaa har’a sabakeenya cunqursaa jiruu ni faalleessa. Akkasumas, ejjennaa (namootaa fi murnoota) warra duraan saba keenya cunqursa turee ammas deebi’ee cunqursuudhaaf dharra’uu ni faallessa. Dabalees, ejjennaa humnoota mirga hiree murteeffannaatiif hiika biyya walaba dhugoomuu qofatti dhiphisan irraahis ni maqa.

 

Imaammatni mootummaan Wayyaanee akka party-tokkicha dorgomaa hin qabnetti of dhiheessuudhaan bara baraan aangoo irra turuudhaaf hordoftu waaraa akka hin taane amanna.”Iggitiin tokkummaa warraaqaa demokraatawaan ana malee hin jiru” jechuudhaan dabni iseen demokraasii fi federalummaa irratti hojjatu bakka hin gahu. Federalummaa-demokraasii-maleessa hojii irra oolcuudhaaf carraaqqiin Yugoslavia duraanii keessatti kajeelamee dhiiga hedduu dhangalaasuudhaan akka hoonga gahe oggaa yaaddannu imaammatni Wayyaanees haala fakkaataatti geessuudhaaf akka malu sodaanna.

 

(Warri) Mootummoonni hanga bara 1991tti Itophiyaa bulchaa turan ammoo sirna isaanii kan garaagarummaa eenyummaa humnaan dhabamsiisuudhaan ummattoota hundaayyuu saba Afaan Amaaraa dubbatu tokkichatti galchuudhaaf tattaafachaa jiru. Tattaaffiin kun dhiiga dhangalaasuudhaan alatti hojiitti hiikamuu hin danda’u. Dabalees, sab-boonummaa ni belbelcha malee, sirna jaalalaa fi wal ta’iinsaan wajjin jiraachuu isaan dandeessisu hin mirkaneessu.

 

Murnootni Itophiyaa bulchuu irratti bakka wal jijjiiran waan irratti walfalman danuu qabu. Akkasis ta’e ummatoota biyyattii mara, saba keessaa maddanis dabalee, akka bulchiifamaatti malee akka ambaatti fudhachuu diduu irratti wal ta’u. Dhibdeen politikaa Itophiyaa mirga ambummaa qoodhuu diduu keessaa madda. Waan ta’eef, hanga har’aa warri biyyatti keessa jiraatu hundi akkaataa biyyattiin itti caaseffamtee bulchiifamtu irratti murtii dabarsuu hin dandeenye. Murtii akkasii dabarsuun ammoo hundee mirga ambummaa ti.

 

Humnootni hanga ammaa Itoophiyaa bulchuu irratti bakka wal jijjiiran, waan hedduu irratti wal ha falman malee, haal-duree dhalli saboota biraa guutuudhaan politikaa Itophiyaa keessaa qooda fudhachuudhaaf malan murteessuudhaaf akka waan mirga guutuu qabaniitti of fudhatu. Haal-dureen mootummoonni warri duraan biyyattii bulchaa ture lafa kaa’uu mirga aadaa fiafaan saboota Amaara hin ta’inii haaluu dha. Ejjennaan isaanii kunis, mirgoota namoota kabajuudhaaf mirgoota saboota haaluun dirqii akka ta’uu akeeka. Warri Mootummaan amma biyyatti bulchaa jiru ammoo mirgoota saboota kan kabaju of fakkessaa mirgoota namoota fallessa. Ejjennaa jara kana lamaanii jabeessinee falmina.

 

Hegereen Oromoo, karaa ekonomy fi nagummaas, kan ummatoota Itophiyaa hafan wajjin hidhata qabaachuu amanna. Dabalee, walakkeessummaan qubsuma keenyaa fi gumaachii karaa diinaggee goonu, akka nuti qooda tokkeessaa fi demokraatessaa taphannu nu dirqa.

 

Ejjennaa Keenya:

 

1.Itophiyaan akka Federeshanitti Caaseffamuu Irratti

 

Ejjennaan irraa kaanu, tarkaanfiin bara 1991 booda Itophiyaa akka federeshana sabootaatti caasessuudhaaf fudhatame qajeelaa ta’uu dha. Fudhatamuun tarkaanfiin kanaa hammeenya yknarjummaa . Mootummaan Wayyaanee keessaa hin maddine, jabaachaa adeemuu qabsoo Oromoon sabootni cunqurfamoon biraa mirga hiree murteeffannaa isaaniitiif gochaa turantu dirqii taasise malee. ABOn Itophiyaa akka federeshan sab-daneessaatti caasessuudhaan daba empayerummaa keessaa maddan buqqisuun akka maluu irratti yaada dhiheessu irratti qooda murteessaa taphate. Garuu federeshana akkasii dhugoomsuun faallaa fedhii murna bicuu amma biyyattii bulchaa jiruu ta’e. Amma daba federeshana dhugaa hanqisan hundaa buqqisuudhaaf qabsoofna.

 

Federeshanni dhugaa mirgi of-bulchuu fi walii-buluun walfaana akka kabajaman dandeessisa. Akka amma jirutti garuu, sabootni Itophiyaa mirga of-bulchuus ta’e mirga waliin-buluu dhandhamanii hin beekan; dhiittaa Wayyaanee jalatti bulaa ganna digdamaa oliif jiraatan malee. Mirga of-bulchuu fi waliin-buluu hanqisuudhaaf, Wayyaaneen dursitee kittillayyoo filattee akka ummatni filmaata haqaa fi qajeelaa hin ta’iniin filan dirqiti. Ummatootni cufti filmaataa guutuutti demokraatawaa ta’een idda bu’ootaa isaanii akka filatan aanjeessuudhaan federeshanii dharaa kan mootummaa Wayyaanee kun akka hundeen jijjiiramu imaammatna.

 

2.Qabsoo Hiree Murteeffannaa Irratti

 

Maqaan Itophiyaa kan sirnaa Empayera Itophiyaa irraa gama Republika Ummataa Demokraatawaatti achi irraahis gama Republika Federaala Demokraatawaatti jijjiiramee jira. Oggaa jijjiirraan maqaa sirnaa kun mul’ate cufa, jijjiiramni politikaa adda addaa mul’atanillee mootummaan amma biyyattii dhaale akka empayera isaaniitti bulchuu hin dhaabne. Waan ta’eef qabsoon Oromoonii fi sabootni cunqurfamoon biraa mirga hiree murteeffannaa isaaniitiif gochaa jiran ammallee haqa.

 

3.Hojii Irra Ooluu Hiree Murteeffannaa Irratti

 

Nuti caasaa federeshanaa amma jiru irratti ijaaruu akeekkanna. Ta’uus, hir’inoota tartiibaa fi kaayyoo of-bulchuu fi waliin-buluu gufachiisan qajeelchuudhaan demokraasii fi federeshanni wal-faana akka dhugooman taasisuudhaaf qabsoofna.

 

Tartiibni akkasiis mirgi hiree murteeffannaa sadarkaa-daneessatti hojii irra ooluudhaan guutama. Kanas jechuun sabootni cufti filmaata guutummaatti demokraatawaa ta’een idda bu’oota isaanii filatanii Gumii Heeraa ofii fi kan walootti ergachuudhaan dhugooma. Gaafa sirni akkasii hojii irra oole booda, sirni federeshan dharaa ammaa kan dhugaatiin bakka buufama.

 

4. Tokkummaa Irratti

 

Namootaa fi mootummootni nu malee kan tokkummaa Itophiyaa hubatuu fi tiksuudhaaf qophii ta’e hin jiru jedhan ni jiru. Nuti ejjennaa kana ni mormina. Hanga ammaa hawaasaan amboota aangomanii waan hin dhalatiniif tokkumman ammallee hin uumamne. Akkuma jaarraa tokkocaalaadhaaf moyxaffatnee beeknutti, aadaa, seenaa fi afaan tokkicha qabna jedhanii lallabuun iggitii tokkummaa hin taane.

 

Imaammatni Wayyaanee kan ”nu malee tokkummaa warraaqaa fi demokraatawaadhaaf iggitiin hin jiru” jedhus ni haalla. Imaammatni akkasii bakka biraatti balaa guddaadhaan hoonga akka gahe waan beeknuuf. Akksumas misoomni osoo ummata hin hirmaachiifne kajeelamaa jirus madda tokkummaa kan biraa ta’uu hin danda’u. Waan ta’eef, nuti tokkummaa abbaa-biyyummaa (constitutional patriotism) n heeraatiin utubamuu maddisiisuun irra filatamaa dha jenna. Abbaa-biyyummaan heeraa ummatootni dhaabota demokraasii isaaniitiif amanamaa ta’uudhaaf fi isas farreen keessaa fi alaa irraa tiksuudhaaf murteeffachuu isaanii keessaa madda.

 

5. Mirgoota Ambummaa (citecenship) Irratti

 

Bulchiifamoota Itophiyaa hunda gama amba aangomaniitti jijjiiruudhaaf, mirgootni ambummaa hundi quudhamuu fi kabajamuu qabu. Haallan mirgi waliin-buluu fi of-bulchuu wal faana barbaachisaa ta’an jalatti, ambummaanis sadarka-daneessatti gadi dhaabbachuu qaba. Jechuun, namni hundi sadarkaa biyya-ofitti fi kan federalatti mirga ambummaa qabaachuu qaba. Mirgootni kana dandeessisanis warra itti aanu ta’u:

 

  • Mirgoota Civilummaa: Isaanis, birmadummaa fi iggitamuu eenyummaa namootaa, mirga birmadummaadhaan yaada ofii ibsachuu, birmadummaadhaan amantii fedhan hordofuu, seera duratti hundi walqixa ta’uu, fi sababa saalaa, sanyii, sabummaa fi lammummaatiif balfamuun dhorkaa ta’uu
  • Mirgoota politikaa: Isaanis, mirga filuu fi filamuu fi akkasumas mirga walgahuu, ijaaramuu fi odeessa argachuu
  • Mirgoota hawaasummaa: Isaanis, mirga walqixa carraa qabaachuu, mirga tajaajila fayyaa argachuu, mirga barnoota agachuu
  • Mirgoota aadaa fi afaanii: Isaanii, mirga aadaa ofiitti boonuu, mirga seenaa ofii beekuu fi ittiin boonuu, mirga afaan ofiitiin barachuu fi ittiin tajaajila bulchiinsaa fi murtii seeraa argachuu
  •  

6. Qabeenya dhuunfaa fi mootummaa ilaalchisee

 

Mootumootni biyya Itoophiyaa olaantummaan bulchaa turanii fi jiran fedha dhuunfaa isaanii,bu’aa barbaadan argachuu fi waan yaadan tokko hojiirra oolfachuuf qabeenya dhuunfaa fi ummataa daangaa tokko malee itti gargaaramaa jiraatan. Haalli akkasii kun dhaabbollee fi qaamoolee mootummaa kan ta’an hunda ilaalchaa fi maalummaa isaaniitii alatti gara tajaajiltummaa wallootti jijjiruu barbaachiisa.

 

  • Qaamni tajaajilla bulchiinsa uummataa harka paartii aanga’aa jalaa bahee, walaba ta’ee, haaromsamee ijaaramuu qaba.
  • Humni waraanaa loogii tokko malee tajaajila keenuufi akka isa dandeessisutti, sirnaa fi seera ammayyaarrattii hundaawee jaaramuu qaba.
  • Dhaabboleen eegumsaa hujii fi hirmaannaa siyaasaa lammiilee biyyaa to’achuu fi hordofuu irraa if qusachuu qabu. Lammiileen biyyaa sodaa fi bir’ata tokko malee dhaaba siyaasaa fedhan deggeeruu ykn hordoofuu danda’uun barbaachisaadha.
  • Dhaaboleen sab-quunnamittii uummataa qaamaa walaba ta’ee jalatti ijaaramanii loogii tokko malee hojii beeyssisaa, barmootaa fi bashanannaa hunda walabummaan gaggeeyssuu.
  •  

7. Diinagdee fi Hawaasummaa ilaalchissee

 

Imaammati hawaasummaa fi diinagdee murna amma aangoo irraa jiruu rakkoo fi hir’ina hedduu if keessaa qaba. Abbaa biyyaa lafa handhuurri isaa itti awwaalamerraa buqqisuu fi ari’uu, hiyyummaatti dabaluu, lafiicha ammoo qusannaa fi akka maleetti dhimma itti bahuudhaan akka barbadaahuu gochuu, lammiilee biyyaa wallaalumatti dabaluu ykn sirni barnootaa akka gadadamuu gochuu, dhukkubaa fi gadadoo biyyaa dhaalchisuu, mirga dhugeeffannaa fi amantii mulquu ykn hanqisuun imaammata murniicha amma aangoo if harkaa qabuu ta’ee jira.

 

Addi Demoraatawaa Oromoo (ADO) rakkoolee armaa olii kana hundaa sirreessuuf hojjetta. Barnoota hammaayyaa babal’isee lamiilee hundaan gahuu, diinagdee fi misoomaa walqixxummaa irraatti hundaawe jajjabeessuu fi utubuu, mirgaa fi namummaa fi mirga lammiilee eeguu fi mirkaneessuu, sirna saynsii fi barnootta hammayyaa irratti hundaawanii lafa misoomsuu fi qilleensa uumamaa eeguu, imaammata fayyaa qajeelaa diriisuudhaan dhukkubaa fi gadadoo wayyeessuu fi dhabamsiisuu, akkasumas mirga amantii fi dhugeeffanaa lamiillee loogii tokko malee walqixattii eeguuf kan danddeessisu imaammata diriirsuu if hujiirra oolchuu.

 

8. Waahilootaa fi fakkaattota keenyaa hiriirsuu ilaalchisee

 

Ilaalcha, imaammataa fi akeeka armaa oliitti tarreeffaman kana warra yaadaa fi akeeka walfakkaataa qaban biraan gahuu fi hubachiisuun, itti aansees tumsa waliin ijaarrachuun rakkoo siyaasaa fi laamsha’umma yeroo ammaatti biyyaattii takaalee jiru irraa furgaasee Itoophiyaa gara fuulduraatti akka tarkaanffachiisuu hin shakkinu. Kanas bakkaan gahuuf humnaa fi dandeettii qabnu hunda qusannoo tokko malee wareeguu fi gumaachuun, akkasumas dhaabboolee fi qaamolee ilaalcha keenya kana fakkaatu qaban hunda hiriirsuu fi tumsuun biyyaattii haala amma jirtu irraa gara dimookraasii haqaatti tarkaanffachiisu irratti jabinaan hojjeenna. Dhummarratti, humnoolee yaadaa fi ilaalcha nuti qabnu qaban hundi fi kan dimookraasii haqaa lammii isaanii gonffachiisuuf hawwan hundi dirmannaa akka nuuf godhan yaamiicha dabarsinaaf.

 

Yaamicha

 

Jaarmayoota Oromoo hundaaf

 

Cunqursaan jaarraa heedduu lakkaawatetti xumura itti godhuun irree tokkummaa gaafata. Garaagarummaa xixxiqqoo marii fi haasawaan furachuu danda’amu irratti humna keenna fixuu irraa of qusannee qabeenyaa fi yaada keenna tokkoomsinee akka injifannoon baanu ADOn waamicha isiniif godha. Dantaa ummata Oromoo dursuudhaan addaa addummaa xixiqqoo mariin furannee humna, qabeenyaa fi yaada keenna tokkoomsinee akka injifannoo waaraan fullaanu waliin hojjachuuf qophii tawuu keenna irra deebinee ibsina.

 

Ummata Oromootiif

 

Laamsha’iinsa qabsoon amma keessa seenne keessaa ba’uuf mul’ata haaraa, mala qabsoo haaraa kan si aangessu qabannee kaanee jirra. Akeeka si angessuuf karoorfanne kana dhugoomsuuf murannoodhaan daran qabsoo keenya haa finiinsi.

 

Bilisummaa fi Haqni dhugaan Hundaaf!

 

Kora Bu’ureessaa ADO

Bitootess 27 bara 2013