Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Union of Oromo Students in Germany (UOSG)

Baga Nagaan dhuftan! Welcome! Herzlich Willkommen!

IBSA EJJENNOO TBOM

GUYYAA WBO

Seensa

 

Guyyaa kabajamaa guyyaa WBO kanarratti Keessummootni adda adda kan afeeramanii yemmu ta’u, saganticha akka Aadaa Oromoootti eebbaa Manguddoota Oromoon jalqabame akkasumas faaruun alaaba oromoo erga faarfamee booda duungoo qabsiisuudhaan gootota wareegamaniif daqiiqaa lamaaf[2] yadannee jirra. Itti aansuudhaan, kabajaa guyyaa WBO ilaalchise Jaal Qaasimiin barumsa fi ibsa bal’aa miseensootaf kennani jiru.akkasumas walaloon adda addaa fi barumsi bal’aan obbo Harun Kalil Batin kennamee bifa hoo’aan kabajamee oolee jira.

 

Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuuf wareegama hedduu baasee jira..WBOnis wareegmnni inni baasee fi injifannoon inni galmeesse salphaa miti. Kanaaf amajjii 1, guyyaa WBO akka guyyaa injifannoo saba Oromootti kabajna! Seenaa qabsoo bilisummaa ummatoota addunyaa hedduu yeroo ilaallu, biyya ijaarachuuf qabsoon hidhannoo qooda guddaa qaba. Biyyootni qabsoo hidhannoo malee ijaaraman jiru jedhanii himuun nama rakkisa. Qabsoon hidhannoo ummata tokko ijaaree hiriirsuu, akkasumas jaarmaya fi sabboonummaa ummataa cimsuu fi ittichuu keessatti qoodi inni qabu guddaa dha. Waraanni saba tokkoo injifannoo saba isaa raggaasuu, tiksuu, wabii fi gaachana ta’uun isaas hubatamaa dha.

 

Ummatni Oromoo erga biyya fi mirga isaa dhabee kolonummaa Habashaa jalatti kufee eegalee bifa gara garaatiin yeroon inni hidhannoo hin kaasne hin jiru; akeeka bilisummaa fi galii siyaasaa ifaa jalatti humna ijaarameen kan qabsaawuu eegale utubamuu Adda Bilisummaa Oromoo waliin ta’uunis ifaa dha. Qabsoon bifa kanaan haga ammaa deemes ummata keenya galii bilisummaa fi walabummaa biran gahuu hanqatus tarkaanfii hedduu tarkaanfate; mirgoota hin tuffatamne hedduus Oromoo gonfachisee, qabsoo fuula duraafis bu’uura jabaa kaahe. Kanaafis, haala amma deemaa jiru keessatti, muuxannoo qabsoo hidhanoo haga ammaa gamaaggamanii tarsimoo fi tooftaa fuula duraa xiyaafachuuf bu’urri WBO buuse guddaa dha.

 

Qabsoon hidhanoo Adda Bilisummaa Oromo jalatti adeemsifame haala daran rakkisaa fi hacuuccaa jabaa keessatti eegalee, gufuulee keessaa fi alaa hedduun xaxamee ture; haa ta’uuti qabsoo kanatti itti cichee qabsoo hadhooftuu gaggeesseen mirgoota hedduu Oromoo goonfachiise jira. Haala kanaan:

 

Injifannoon qabsoon Oromo haga ammaa galmeesse hundi sababa qabsoo hidhannoo tiin kan argaman ta’u hubachuu qabna. Mirgootni kunis kan galmeeffaman miseensota fi ummata keenya kuma hedduu dhaan lakkaawaman wareegama itti baasanii, maatiin kuma hedduun itti diigamee, qabeenyi hedduun itti dhabame fi qabsaawotni kuma hedduun itti dararamanii ta’uunis ifaa dha. Wareegama kanneeniin alatti bu’aan argamuu fi sadarkaan dammaqiinsi ummata keenyaa har’a irra gahe fiduun hojii salphaa ta’uu hin dandahu ture. Gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa ta’uun fi ajandaa siyaasaa gaanfa Afrikaa keessa seensisuun kan danda’e sababa qabsoo hidhannootiin ta’uun beekamaa dha. Dhimma kana madaala isaa hubachuuf, gaafa ABOn ijaaramee qabsoo eegalu; haalli sabbonummaa ummata Oromoo maal keessa ture? jirreenyi ummata keenyaa addunyaa irratti hagam beekamaa ture? jedhanii gaafachuu gahaa dha. Dagaagginni sabbonummaa Oromoo har’a mul’atu fi dhimmi Oromoo beekumsi naannoo fi addunyaa keessatti horates bu’aa qabsoo hidhannoo wareegama ilamaan Oromoo hedduu dhaan argame ta’uun falamsiisaa miti.

 

Mirgi hiree murteeffatnaa ummataa har’a diinni, yoo xinnaate waraqaa irratti (heera biyyaa jedhamu keessatti) kaahe, beekuuf dirqame bu’aa qabsoon Oromoo hidhannoo dhaan argamsiise keessa tokko.

 

Kanuma waliinis Afaan Oromoo, barruu hin qabne, dhabamaa keessa ture; afaan ittiin baratamu fi hojiin mootummaa ittiin hojjatamu ta’uu danda’uun injifannoo galmeeffame keessaa tokko. Kunis, kan har’a ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawaman ittiin baratan, hojjatan, barreessan fi ittiin boonan ta’ee jira, afaan Oromoo kun haala akkaan rakkisaa ta’e keessatti dirree qabsoo hidhatnoo keessatti kan dagaage fi muuxxeffame dha.

 

Addi Bilisummaa Oromo ifaan ummata Oromo fi addunyaa birattis beekumsa guddaa kan argate bara 1991 as jechuu ni dandeenya. ABOn teessuma Ebla 1991 Londonitti yaadamee turetti afeeramu fi sana boodas mootummaa cehumsaa Itiyoophiyaa kufaatii Dargii booda ijaarame keessatti qooda fudhachuun, utuu hidhannoo harkaa hin qabu ta’ee hin yaadamu ture.

 

Oromiyaan maqaafis ta’u bulchiinsa mataa ishee qabaachuun ishees sodaa diinni WBO irraa qabuun ta’uun beekamaa dha.

 

WBOn injifannoolee armaan olii galmeessee fi bilisummaa saba Oromoof jecha falmaa hadhaahaa gochaa ture ammas itti jira. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Kanaaf guyyaa WBO, Amajjii 1, kabaja, ulfinaa fi guyyaa injifannoo ta’uun yaadatamee oola. Addi Bilisummaa Oromoo Amajjii 1, guyyaa WBO akka tahu kan murteesse sababa malee miti. Innis:

 

Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hin citne itti bobaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cimaa seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture. Qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii of irraa deebisanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan. Bara 1980 irraa kaaee guyyaan WBO bara baraan guyyaa WBO fi guyyaa injifatnoo ta’ee kabajama.kanaaf nutis Ibsa Ejjeennoo tokkummaa Barattoota Oromoo biyya jarmanii fi hawaasnni oromoo Kabajaa Ayyaanaa waggaa haaraa guyyaa Ayyaanaa WBO Amajjii 10/2015 ilaalchisuun akka armaan gadiitti dabarfanna.

 

  1. Haalaa siyaasaa Oromoo fi Oromiyaa gidduu-galeessaa godhachuun dararamaa lubbuu fi mana hidhaa mootummaa abbaa irree TPLFfi OPDOn baratootaa,barsiisotaa Qotee bultotaa, daldaltotaa, hojjetootaa, fi hawaasaa Oromoo cufa irraatti rawwaatamaa jiruu dhaabsisuuf FDG jabeesinee itti fufuu qaba jenna.
  2. Maqaa master planiitiin nannoo Finfinneettii fi lafa Oromoo irraatti gaggeefamaa jiruu ummataa keenyaa qee’ee irraa buqqisee jiruu fi jireenyaan ala gochaa waan jiruuf, sirna sammichaa lafa Oromoo irraatti xiyyaafatee kana cimsinee balaaleffaachuun, Ummatichaa cina dhaabbaachuun FDG ni qindeesina. Bira dhaabbanna.
  3. Qabsayyonni oromoo kan biyya kessa jiran, siidaan Gootota Oromoo Maqaa Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa saba isaanitiif wareegaman handhuura oromiyaa tantaate finfinnee kessatti akka dhaaban waamicha keena dabarfanna.
  4. Seenaa goototaa Oromoo qorachuun Ifatti baasanii barreessuu, kaayyoo isaan irraatti wareegamaan galmaan ga’uuf kutannoo fi murannoon qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n gaggeeffaamu fiixaan ni baasna.
  5. Sirna TPLF golgaa dimookiraasii godhachuun umrii abbaa irruummaa nurraattii dheereffaachaa jiruu tokkummaan duraa ni dhabbanna,
  6. Tokkummaan Baratootaa fi Jarmiyaa qofaan ga’aa miti jechuun Ummataa Oromoo sadarkaa qotee bulaa, hojjetootaa, barsiisotaa, dafqaan bultotaa, hojii dhabdootaa, daldaltota, fi Poolisotaatti cimsuun bu’aa tokkuummaa barsiisuun, waliigalatti tokkummaa ummataa cimsuu, akkasumaas baratootaa manneen barnotaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qophaa’inaa irraa baraataan ijaaruun jaajjabeesuun FDG bifaa qindaa’een akka finiinu wamicha keenya ni dabarfanna.
  7. Ilmaan Oromoo baleessaa malee Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii yeroo garaagaraattii naannoo Oromiyaa garaagaraa irraa humnaan qabamanii Mana hidhaa wayyaanee garaagaraa keessaatti murtee seeraa dhabuun, garii isaanii irraatti immoo murtee sobaa dabarsuun mana hidha keessaatti dararamaa jiran daddaffiin haal duree tokkoo malee akka hiikamaan gaaffii walitti fufinsaa qabu ni gaggeesina.
  8. Walitti Dhufeenyaa tokkummaa Hoggaantootaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO gidduutti godhamee ni dinqisiifanna, fiixanbahinsaa tokkuummaa kanaaf gumaachaa barbaachiisuu ni goona. Jechuun guyyaa ayyana WBO Amajjii 10/2015 tokkummaan baratoota oromoo biyya jarmanii sinna ho’aan kabajatee oolaa jira.

 

Kanaaf jecha dhaabbilee siyaasaa ta’ee ,caasaan hawaasa Oromoo Oromiyaa keessaa fi biyya ambaa maadheffatanii jiran, akka oromooti hiree tokko qabaachuu keenya hubannee tokkummaa fi danboobina mooraa qabsoo Oromoo keessatti fiduuf tokkummaan baratoota oromoo biyya jarmanii adda duree ta’ee kan hojatu ta’uu isaa carraa kanatti gargaaramuun ummata Oromoo fi qabsa’ota Oromoof waadaa seena. Waada seenu keenna yeroon mirkaneessinu jecha armaan gadii kana jennee mirkanessina.

 

Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufu

Wareegama qofaan bilisummaan dhufa.

 

Gadaan gadaa bilissummaa rabbi nuuf haagodhu

 

Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Union of Oromo Students in Germany (UOSG)

Koree Hojii Geggessituu TBOJ

UOSG Executive Committee

khg@tboj.de

www.tboj.de

Regensburg, Germany

Tel: 0049(0)152 13802604