Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Union of Oromo Students in Germany (UOSG)

 

Biiftuu Bilisaa is a quarterly magazine published in Germany by the Union of Oromo students in Germany (UOSG / TBOJ) and distributed throughout the world in general and Oromia in particular. The magazine in our view section invite prominent activist, political leaders, academician and human right activist to give illustration and interview on the current issues regarding horn Africa in general and Oromia in particular. In this edition we have invited Baqqalaa Tafarraa a member of Oromo human right and relief organization (OMRHO) to enlighten us about the current human right situation in the Ethiopian empire and also asked him to enlighten us about UOSG/TBOJ and his involvement as he is the earlier member of TBOJ. We wish you a good read!

 

 

Baga Nagaan dhuftan! Welcome! Herzlich Willkommen!

Gaaffi fi deebii Obbo Baqqalaa Tafarraa miseensa Ijaarsa Mirga Namoomaa fi Gargaarsa Oromoo/OMRHO/ waliin goone

 

Biiftuu Bilisaa: Obbo Baqqala duraan dursee akka isin of beksiftanin isin afeera.

 

Obbo Baqqalaa: Galatoomaa. Ani Baqqala Tafarraa Ayyaanaa jedhama. Umriin kiyya Bara 50 ergi qaxxaamure bubbulee jira. Fiigicha jiruuf jireenyaa cinaatti Godaanaa fi Liiban (Ijoollee kiyya) waliin Seera Oromootiin bultuu fi hinbulluu irratti wal falmaa bara lakkaawwachaa jirra.

 

Biiftuu Bilisaa: OMHRO eenyu?

 

Obbo Baqqalaa: Gaaffii keessan kana yeroon deebisu akka miseensa OMHRO tokkootti wan ta´eef jechonni “ nu”, “ raawwannee jirra” fi kkf argitu. Kana jechuun OMHRO jechuu akka ta´eetti haa hubatamu. OMHROn Jaarmolee Oromoo Mirga Dhala Namaa Waliigalaaf, keessumaa ammo rakkoolee bifa hedduu ummata Oromoo irra gahaa jiruuf, sagalee ta´uu dhaan biyya Alaa kanatti socho´an keessaa tokko dha. Kan inni bu´uureffame bara 2005 yoo ta´u kan inni seeraan galmaaye ammo bara 2006 dha.

 

Biiftuu Bilisaa: OMHROn Maal hojjeta?

 

Obbo Baqqalaa: Akkuma Seera OMHRO tti hojiin keenya irracaalaa hujii iyyaannoo ti. Iyyannoon keenya cuunfaatti:

  • yoo namoonni biyya keessaa rakkoo siyaasaatiin mirgi isaanii dhalootaa sarbamanii hidhaman, Odeeffannoon nu gahu hidhamuu isaanii website keenya irraatti baasuu, ijaarsota kan akka Red Cross fi Amnesty International, Human Rights Watch fi kkf tti beeksisuu dha;
  • yeroo biyya biraatti qubsumaf karaa abbaa dhimmaa ykn karaa Jaarmolee baqqattoota akka UNHCR gaaffii raga-bahuu(affidavit) gaafatamnu birmachuu dha. Karaa kanaan hanga ammaatti lammii keenya biyyoota Ollaa irraa biyya Ameerikaa, Australia, Canada, Sweden, fi biyyoota Awurooppaa keessa qubataniif qooda keenya gumaachineejirra. Hedduun isaanii irraas xalayaan “galatoomaa” jedhu OMHRO dhaqqabee jira.
  • yeroo namoonni biyya adda addaa keessaa qabamanii humnaan biyyatti deebifamuuf jedhan rakkoo isaan mudachuu malu ilaalchinee yaaddoo keenya ibsaa akka hindeebifne iyyaachuu dha. Karaa kanaan biyya Ameerikaa, Canada, Switherland tti milkoofneejirra.
  • akkasumas rakkoo siyaasaa ummata keenyarra gahaa jiru ilaalchisee biyyoota, qaamolee Mootummootaa fi Mootummaa hinta´iin adda addaa tti dhiheeffannu dha.
  •  

Kaayyoo keenya keessaa tokko gargaarsa(hirpha) kennuu dha. Namoonni keenya biyyaa bahan hedduun reebichaa gosa adda addaatiin qaamaa hir´atanii biyyaa bahu. Ergi biyyaa bahanii booda gargaarsa waan hinqabneef tajaajila fayya hinargatani. OMHROn ammoo humni dinagdee isaa dadhabaa waan ta´eef akka hawwuutti obbolaa keenya bira dhaabbachuu hanqata. Akkasumallee ta´ee obbolaa keenya hanga tokkoof biyyoota jiran keessatti akka hakiimamaniif gargaarsa maallqa godhee jira.

 

Biiftuu Bilisaa: Ga'een keessan (kan Obbo Baqqalaa) dhaaba kana keessatti maalidha?

 

Obbo Baqqalaa: Ani Miseensota bu´uuressan keessaa tokko dha. Miseensummaa kiyya Waggaatti buusuu caalaa akka koreetti qooda ani hanga ammaatti qabu hinjiru.

 

Biiftuu Bilisaa: Walitti dhufeenyi isin dhaabota mirga dhalanamaaf hojjetan kan akka Amnesty internationalf kan kana fakkatan walin qabdan maal fakkata?

 

Obbo Baqqalaa: Jaarmolee Mirga Dhala Namaa irratti hojjetan kan akka Human Rights League, Oromia Support Group (OSG), AI, Human Rights Watch fi kkf waliin odeeffannoo waliif dabarsuu quunnamtiin jira. Kana cinaatti ammo kan dhimma refugee waliin walitti hidhata kallattii qabu UNHCR dha. Isaan kana waliin quunnamtii dhaamsaa qofa utuu hintaane qaamaan biratti argamudhaan rakkoo lammiin keenya biyya adda addaa keessatti dhamdhamu ibsinee jirra.Fuul duras akkasuma itti fufa.UNHCR gaaffilee hundaa yoo ta’uu baate kan qabatamaa ta’e irratti gargaarsa godhaniiru. Fakkeenyaaf nama Somalii Land keessaa utuu akka baqataatti Mandate Status qabuu qabamee biyyatti darbatamee hidhame hidhaa dhaa akka ba’uuf maatii isaa waliin akka Canadaa qubatuu falammii guddaa godhanii jiru.

 

Biiftuu Bilisaa: Oromon heddun kan akka Beqele Garba, Olbana Lellisaf kan kana fakkatan badi tokko malee sababa ilaalcha siyaasaa saanitin qofa mana hidhaati guuramanii akka malee rakkachaa jiraachunsaani nibeekama.Namoota mana hidhaati rakkachaa jiran kana gargaarudhaaf sochi akkami gachaa jirtu?

 

Obbo Baqqalaa: Gaaffiin kun gaaffii ijoo dha. Gaaffii akka uummataatti balbala hunda keenyaa rukutuu qabdu dha. Akka OMHROtti gabaabsinee yoo kenye waan hidhamtoota keenya ilaalchisee hanga ammaatti hojjenne seera malee hidhamuu isaanii ibsinee bakka adda addaatti iyyachuu qofa. Garuu gargaarsi isaaniif godhamuu qabu kana qofaa hinturre. Murteessaan humna dha. Humna ammo gamtaa fi tumsatu uuma. Yoo lammiin keenya biyya alaa jiru kuni human nuuf hintaane OMRHOn humna hinqabu. Lammiin keenya rakkoo adda addaa keessaa bahee biyya adda addaa keessa jiru yoo obbolaa isaa rakkoo keessa jiraniif hinbirmanne eenyutu birmachuu qaba? Biyyoota akka Itiyoophiyaa keessatti isa hidhame qofa utu hintaane maatii fi firri gaaddisa nama kanaa jalatti jiraataa turan hundi balaaguddaaf saaxilamu. Maatiitu diigama. Garuu kuni meeqa keenyaaf ifaa dha?

 

Biiftuu Bilisaa: Qotebulaan oromo heddun qee isarra, kosisarra dhiibamee yokaan dirqamee laftisaa abbaa qabenyaa biyya alarra dhufanitti gurguramaa jira. Gochaa sukannessa kana irratti sochiin isin gootan maal fakkata?

 

Obbo Baqqalaa: Qee fi kosii ufii irraa buqqisamuun ittifufinsa mirga ufii sarbamuuti. Kanaa ol ajjeechaa yoo ta´e malee hamaan hinjiru. Akka Jaarmayaa Mirga Namoomaatti rakkoo dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa buqqifamuun kuni fidu ilaalchifnee yaaddoo keenya mootummoota addaaddaatti iyaachuu dha. Kana ammo bifa iyyannoo fi workshop tiin bakka haalli kennetti ibsinee jirra.

 

Biiftuu Bilisaa: Yeroo qotee bulaan lafasarra dhiibame ka'u garam adeema yokan maaltu godhamaaf ?

 

Obbo Baqqalaa: hanga hubii keenyaatti inni isa buqqisu akka inni buqqa´u gara itti adeemu hinqabaanneef buqqisa. Akka warra biyya alaatti himamutti bakki tajaajila fayyaa, bishaanii fi manni qophaayee jirutti godaanu jedhamee himama. Hanga odeeffannoo keenyaatti garuu yookiin hanga guyyaa hanganaatti bakka deemtu deemi jedhama yoo hanga guyyaa jedhameetti hinadeemne tarkaanfii sanatti hidhatee dhufu eeggachuu dha. Mirgi ufii ammo bakkaa ni deemta jedhamu qabaachuu utuu hintane qee ufii irraa jiraachuu danda´uu dha.

 

Biiftuu Bilisaa: Haala amma jiru kanaan oromon dhiibbaa gurgurtaan lafaa irran ga'a jiru kana dura dhaabatte mirgasa sarbame kana deeffachu nidanda'a? Maal gochuu qaba jettu?

 

Obbo Baqqalaa: Gaaffiin kuni gaaffii warra Siyaasa gaggeessaniif dhihaachuu qabudha. Akka ijaarsa Mirga Namoomaatti waan nuti hojjennu hujii waraqaatiin iyyachuuti. Iyyaata waraqaatiin ammo uummata bilisa bahe jedhan hin dhageenye. Akka dhala namaatti ammo Namni garboomee hinhafu amantiin jedhu imaammata kaayyoo falammii Mirga Namoomaa walii- galaati waan ta´eef amantii kana qabna.

 

Gaaffii “ maal gochuu qaba jettu? ” jedhu kana deebisuun ulfaataa dha. Utuu waan gochuu danda´u qabaate uummanni kuni qee isaa irraa hinbuqqa´u ture. Inni isa buqqisus akka inni buqqa´u kun waagochuu hindandeenye beeknaan isa buqqisaa jira. Warra Mirga Namoomaa hojjetaniif siyaasni ulfaataa dha. Tarii warri siyaasa harkaa qabu deebii hindhabu!

 

Biiftuu Bilisaa: Motummaan wayyanee mirga dhala nama akka malee dhiita biyyota dhihaarra gargarsa gara dolara biliona sadi argataa jira. Kana jechuunimo akka afrikati gargaarsa isa guddaa argata jira jechudha kun maliifi dha jetu?

 

Obbo Baqqalaa: Deebiin gaaffii kanaa kana dha jechun nu rakkisa. Garuu utuu faayidaa hinqabaanne, keessumaa ammoo yeroo ammaa, biyyi callisee maallaqa namatti dhangalaasu jira nutti hinfakkaatu.

 

Biiftuu Bilisaa: Mirga ummata Oromo sarbamaa jiru kana ilaalchisee dhaabota siyasarra maaltu eegama jettu?

 

Obbo Baqqalaa: Waan isaan hundaa irraa eegamu illee guddaa/hedduu ture. Rakkooleen bifa hedduun uummata keenyarra gahaa jira jennee kanaan olitti ilaalle dhimma Siyaasaatti hidhata.Kan diinni uummata keenya hiraarsus maqaa jaarmolee Oromootiin ta´uun dagatamuu hinqabu. Akka ilaalcha OMHROtti sadarkaa duraatti isaanumtuu, Jaarmoleen Siyaasa Oromoo gola hundaa keessa jiran, akka Aadaa Oromootti afaan gaariitiin walitti dubbachuu dha. Yoo mirga dhala namaa akka mirgaatti waliif beekan gaarii dha. Akka ilaalcha keenyaatti Amantaan Siyaasaas qaama mirga dhuunfaa irraa gara fedhii gamtaatti guddachuu isaa mul´isa. Inni yaadaan walfakkaatu walfaana adeema. Xiiqiin walqabachuun hundaafuu bu`aa hinqabu. Humnaa fi qabeenya ufii duula waliirratti balleessuun bu´ aa hinqabu. Hujii diinnuu hojjetu maaliif hojjennaaf ?? Egaa akka hawwii ummata keenyaatti waan irraa eegamu tokko ta´uutu dha. Yoo kun amoo dadhabame waan uummata keenya kana caalaa saalfachiisu irraa uf qusachuun hunda isaaniirraa eegama jenna.

 

TBOJ (TBOA): Bu´uureffamuu, Kaayyoo fi Adeemsa Isaanii Akkasumas hariro ABO Waliin Qabu Ilaalchisee Gaaffif Deebin Obbo Baqqalaa Wliin Goone Akka Armaan Gadiitti Itti Fufnee Isiniif Dhiheessineerra.

 

Biiftuu Bilisaa:TBOJ/TBOAn yoom ijaarame yokan hundeeffame? Maalif ijaarame? eenyufatu hundesse?

 

Obbo Baqqalaa: Seenaa TBOJ fi TBOA ilaalchisee waan xaliilaan tartiiba bu´uureffamuu isaanii fi eenyufaa akka bu´uuressan irraa hubatamuu danda´u galmee hinargine.Galmeen hinturre jechuu miti.Galmee kanatu bakka waalta ta´e hinqabu. Mana namoota hedduutti faffaca´ee waan jiru fakkaata.Hanga har´aatis kuni furmaata argate natti hinfakkaatu.Kan TBOJ illee kanarraa adda miti. Gabaabumatti hir´ina waaltawuu (institutionalized) ta´uu dadhabuuti.Waajjirri TBOJ ykn TBOA bakka kana dha/ture jechuun hindanda´amu.

 

Cayaan seenaa QO keessatti bakka guddaa qabu kun bakka seenaa mataa isaa guutuutti irraa barbaadanii argantu hinjiru.Kanaaf namoonni hedduun seenaa Barattoota Oromoo kana akka adda addaatti himu.Namoonni yeroo sana qooda gudda qabanis kan maqaan isaanii hindhagahamne hedduudha.

 

Faakkeenyaaf Barreessaan TBOJ jalqabaa Ebla 20, 2006 biyya Jarmanii magaala Köln tti awwaalame. Kabbada Ambataa Sanyii jedhama. Namoonni maqaa Kabbadaa Habtee jedhuun isa beeku. Habteen abbaa Buddeenaa isaati.Waan inni mana Barumsaa isa galcheef maqa isaatiin waamamaa hafe. Abaabileen Kabbadaa bara Sahila Sillaasee, Akaakayyuun isaa ammoo bara Minilik akka Abbaa Duulaa naannoo har´a Shanoo jedhamutti utuu biyya isaaniif falmanii yeroo kufan Abbaa isaa Ambataa dhaan ammoo Haile Sillaaseetu lola Xaaliyaanii booda baqarraa ergi deebi´ee booda Finfinneetti fannise. Kabbadaan daa´imatu abbaa malee haadhaafi lammii haadhaa biratti guddate. Haati isaa Habteetti heerumte. Kabbadaan University Haile Sillaaseetti Seera baratee guyyaa eebbaa uffata Aadaa uffatee sababa dhaqeef Haile Silaaseen Degree isaa dhorkatee waggaa tokko booda kenneef; garuu akka ittin hinojjenne dhorke. Kanumaan Kabbadaan karaa Misir (Egypt ) biyyaa bahee Faransaayi dhufe. Faransaayitti Seeraan Degree isaa lammaffaa (LLM) fudhate. Itti fufuudhaan Philosophy baratee ergi xumuree booda biyya Jarman dhufe. Warra jalqaba TBOJ bu´uuressan keessaa tokkoo fi Barreessaa TBOJ isa jalqabaa akka ta´e Oromoonni yeroo sanaa waliin turan ragaa bahu.Warri isa waliin biyya Awrooppaa turan hedduun yeroo Itiyoophiyaatti galan Kabbadaan harka Habashaatti galuu hinfeene. Kanumaan lafeen isaa biyya ormaatti hafte.

 

Sababa ijaaramuu TBOJ fi TBOAf waan tokko ifaa dha. Sochiin akka barattoota Itiyoophiyaatti deemaa ture bakka tokko gahee toora siyaasa Empaayeritti irratti yaada luucayaa dhabuu dhaan adda bahuumsaa Barattoota bara sanaaf madda dha.Toora ykn kaampiilee siyaasaa gargar bahan kana cuunfaatti bakka sadiitti qooduun waan danda´amu natti fakkaata. Isaanis:

 

  • Humnoota Sirna Nugusaa hanga tokko fooyyessee garuu ol´aatnummaa warra empaayericha bitaa turee tiksu:

 

  • Humnoota ideology Socialisimii qabatee rakkoo empaayerichaa furuutti amantaa godhate;

 

  • Humnoota rakkoon uummaatoota empaayerichaa furamaata addaa barbaada jedhee murteeffate dha.

 

Waan kanaaf ragaa ta´an adeemsa sochii warraaqsa Empaayera Itiyoophiyaati. Baroota1960 keessa jalqabdoonni sochii empaayerichaa Barattoota University turani. Booda Barattoonni Kutaa lammaaffaa, sochiin Baalee fi kan Qoteebulaa bakka adda addaa akkasumas kan hojjettootaa dhufe.

Gara ijoo keenyaatti deebi´uuf barattoonni Oromoos hanga baroota 1970moota jalqabaatti irra caalaa akka qaama sochii barattootaatti Itiyophiyaatti socho´aa turani. Adeemsa keessa sochiin empaayerichaa sirnicha raasuunii fi fuulduree empaayeritti irratti yaadaan adda bahuun, gama Oromootiin ijaarsa mataa isaa qabaachuun murteessaa ta´uun hubatame jedheen amana. Egaa Bu´uureffamuu ABO(1974) yoo ilaalle kun ragaa dha.

Oromoon akka Jarmayaatti ijaaramuu jalqabuu isaa gara TBOJtti yoo bal´ifnus kanumatu mul´ata.TBOJ bara 1975 bu´uureffame.Warra bu´uuresan keessaa tokko kan ta´an Dr. Nagaasoo Gidaadaa. akkasitti kaa´u:

 

“…….................I arrived in Germany at the beginning of October 1974. The first Ethiopian I met in Bochum was an Oromo named Medhinu Litche. Litche had contact with Oromos living in the near bye cities..........It is through Litche that I came to know these friends. From October to December, we only met socially but informed each other about home situation. I used to get letters up-dating me on the developments a home. I shared the information with them. But towards the end of the year we decided to establish an Oromo Student’s Association. We decided to publish a journal in Qubee, with Oromo history and culture. Litche and the other friends informed their friends in Berlin and other cities of Germany. Those living in Berlin responded quickly. They organized themselves and sent a delegation to a meeting which took place in Bochum (in Litche’s residence) in January 1975. It was resolved that we establish the Union of Oromo Students Association in Germany (TBOG). Dr. Nagaasoon barruu kanaan olitti tuqame itti fufuu dhaan akkas jedhu:

 

" The first TBOG meeting also resolved that a message be sent to the annual meeting of the Union of Ethiopian Students in Germany to take place in April 1975 (Kassel?). In our message we said that the Oromo union is ready to work with any Ethiopian organization which recognized the independence of TBOG and was ready to help solve the Oromo National Question. Unfortunately the person we delegated to the UESG meeting did not appear at the meeting. Had he taken our message to the UESG meeting, I am sure some positive development could have happened.TBOG planned to hold a meeting in Berlin in August 1975 at the time when the annual meeting of Union of Ethiopian Students in Europe took place. Our aim was to announce the birth of TBOJ, our plan to establish TBOA and call on Oromo students to join us. The supporters of EPRP condemned us as narrow nationalists. The supporters of AESM (All Ethiopian Socialist Movement) met with us and asked us to join the Oromo Study Group organized under UESE Union of Ethiopian Students in Europe. We disagreed. TBOA was founded. The members of the Oromo Study Group founded the Tokkummaa Ijaarsa Barattoota Oromo Biyya Awroopaa (TIBOBA) in 1976. TIBOBA and TBOA met in Berlin and discussed on how to unite the two organizations. TBOA demanded that TIBOBA disband itself and that its members become members of TBOA individually. TIBOBA demanded that the two unions merge under a name to be negotiated upon and that a leadership be elected from members of the two organizations. No agreement could be reached and the two organizations remained apart................................" ) [ emphasis mine].

 

Egaa kana irraa waan hubatamu TBOJ Amajji 1975 kan dhaabate ta`uu isaa fi TBOAn ammoo Hagayya 1975 bu`uureffamuu dha. TBOJ tti aanee Dameeleen biyyoota kam keessatti akka dhaabatanii fi tartiiba isaanii warra jalqabarraa beeku qofaatu beeka.

 

Biiftuu Bilisaa: Walitti dhufeenyi yokan hariiroon TBOA/TBOJ fi ABO giddujiru maalture? Har'awo maal fakkata?

 

Obbo Baqqalaa: Hidhata TBOA fi ABO ilaalchisee Dr. Nagaasoon akkas jedhu: " Obbo Dima Noggo attended the 1977 TBOA Congress which took place in Berlin. He introduced the OLF to TBOA. TBOA then decided to be a mass organization of the OLF."

 

Waan xaliila ta´ee argamu kan TBOJ fi TBOA dhaabe ABO miti. Akka kanaan olitti Dr.Nagaasoon ibsanitti ergi TBOAn bu´uureffame booda bara 1977 keessa ABOn isaan quunnamuu dha. Kanaaf TBOA tu Cayaa ABO ta´uuf murteeffate malee ABOtu akka cayaatti TBOA ijaare miti. Akka “ Heera Tokkummaa Barattoota Oromoo Awurooppaa (TBOA) Kora 11ffaa irratti Hagayya 8 bara1985 London keessatti murtaawee fudhatamee fi Kora 18ffaa Hagayya 3,1992 Berlinitti wayyeeffametti„ hidhata TBOA fi ABO:

 

“ 2.2. Tokkummaa Barattoota Oromoo Awurooppaa(TBOA)Cayaa ummataa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO), qaama warraaqsa bilisummaa Oromoti.

 

2.3. Tokkummaan Barattoota Oromoo Awurooppaa (TBOA) qaama miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ti.’’ Jedha.

 

Cayaan bara dheeraa seera kanaan ABO waliin hariiroo qabaachaa qooda guddaa Qabsoo keessatti gumaache kuni ABO irraa komii akka qabu yeroo hedduu dhiheeffataa ture; keessumaa ammoo bara 1992 booda. ABOn quunnamtii sirnaa fi dhaabbataa akka TBOA waliin hinqabne yeroo hedduu komatame. Akkaataa adeemsa qabsoo kanaa irrattis yeroo hedduu walgahii bakka bu´aan/bakka bu´oonni ABO jiranitti yaada ifaa ibsachaa ture. Garuu adeemsa keessa qeequmsi TBOA kun akka qeeqa ijaaraatti (constructive criticism) fudhatamuurra akka waan ABO hadheessuutti fudhatame.

 

Ergi Caasaan Jaarmayaa ABO (miseensaa)Konyaa, Kutaa fi Godinatti bu´uureffame ammoo Qondaallii fi Dabballeen hedduun “ TBOAn dirree ABO irratti ololli oofamudha „ jechuu eegalani. Dhaabichis rakkoo kana ilaalchisee gabaasaa isa gahuuf furmaata kennuu irratti fedhii hinagarsiifne. Qondaalota akkas cayaa kana ceepha´an kana waliin hariiroon hoggana ABO mirqaanawaa ture. Adeemsa keessa ammoo tikeetuma TBOAn bitee akka Bakka Bu´aan ABO Kora TBOAf ergamu gaafatuuf deebii hariiroo irratti hundaayetu dhabame. Haalli qoondaalota tokko tokko irraa calaqqisaa turan utuu gumgummii uumaa jiruu ABOn xalayaa guyyaa 7/01/2003 lakk.09/xal-abo/2003 barreesseen akka TBOAn qabxii “ TBOAn qaama miseensa ABO ti ’’ jedhu Heera-Seera keessaa haqu/baasu murteessee erge. Kuni waan tokko mirkaneesse. Ejjennoon dabballotaa fi qondaala dhaabaa ilaalcha dhuunfaa irraa waan madde utuu hintaane ejjennoo Dhaabaa ta´uu isaati.

 

Akkuma “ Ijoolleen fuula warraa, Niitiin fuula Abbaa Warraa ’’ jedhamu Qondaalli ABO duraan TBOA keessa turanii fi caasaa ABO keessatti dirqama qabanis sanaan booda TBOAf mararfannoo hinagarsiifne. Xumura irratti Dura Taa´aa TBOA ta´ee kan Kora TBOA illee waamuu dide miseensaa fi qondaala ABOti. Kanumaa iyyuu kan harkatti baatamaa ture.

 

Cayaan jibbamee "ati qaama kiyya miti " jedhame kun maaliif waggoota dhihootii as ammoo leellifamuu akka jalqabe namaaf hingalu. Waan jibban jibbuudha. Cayaa kanaarra ejjetamee waan bakka guddaa gahame fakkaachaa ture.

 

Miseensi leexaan guyyaa qondaala Konyaa ta´u, Qondaalli Konyaa guyyaa Qondaala Kutaatti ol siqu,inni Kutaa ammoo MGS tti yeroo siqu isa kaleessa waliin tureef kabaja qabaachuutu sirna ture. Kan sadarkaa adda addaatti mul´achaa ture garuu haala miseensolii cayaa walitti itichu utuu hintaane faallaa isaati.Utuu qabsichuu bakka gahe ta´e, dhamdhamni galii gumaacha hundaa ta´ee hubatamuu qaba ture.Afaan siyaasaatiin“ Riqaa yeroo yaaban isa harkaan qabatanirra ejjechaa, yeroo bu´an ammoo isa irra ejjetan qabachaa dha ’’ jedhama.

 

Adeemsa kana hundaa yeroo ilaallu TBOJ raafama kana keessaatti hintuqamne jechuu miti. Namni akka namaatti ni dogoggora. Jaarmayaanis akkasuma.Dogoggorri hojii keessa uumama.Guddinni jaalalaa fi mararfannoos jaamaa nama taasisuu mala. Jaalalli TBOA fi TBOJ ABOf qaban kanarraa adda miti. Badii hamaan yoo dogoggora irraa baruu dadhabani dha. Dogoggora adeemsa keessa hojjenneef ammoo warri keessaa qooda qabaachaa turre hundi akka qooda keenyaatti ufqeequun barbaachisaa dha.

 

TBOA fi Dameeleen isaa Awurooppaa keessatti ABO dura dhimma Oromoo beeksisuu irratti hangafummaa qabu. Kunis beekumsa (recognition) argachuu qaba. Dabbaleen TBOA akka diigamu gumaachan hedduun qoodni isaan seenaa TBO keessatti qaban yookaan hinjiru yoo jiraate ammoo murtooftuu dha. Waan itti hindhama´iin nama waan himararreef harkaa fi arraba xuriitiin TBOA fi TBOJ xureeffamani.

 

TBOA fi Dameeleen isaa qabsoof gumaachuu qofa utuu hintaane bifa hawaasummaa fi aadaaf gumaachi isaan qabaachaa turan guddaa dha. TBOAn galma Sabboonummaa ture yoo jedhame dhara miti. Namni keenya yeroo biyyarraa dhufu bakka dhaqu hindhabu ture. Har´a biyya ambaa kana keessatti kan akka Oromoo bifa hundaanuu ijaarsa jabaa hinqabne hinjiru. Kanaaf barbaachisummaan TBOJ belbeltuu dha.Ganna darbeef mana hinijaarani. Adeemsa darberraa barachaa isa fuula duraaf waan hidda qabu tokkoof hojjechuun gaariii dha.

 

Biiftuu Bilisaa: Haali Impa'era Itophi'aa keessa jiru gara hamaatti adeema waan jiru fakkata kanaaf qabsaa'otn oromoo shoora akkami taphachuu qabu jetu?

 

Obbo Baqqalaa: Haalli Impaayera Itiyophiyaa keessaa ummata Oromoof furmaata dhihootti qaba jedhanii herreguun hindanda´amu. Uummata qe´ee isaarraa buqqa´aa jiru kana yeroo ilaallu herregni dhaloota har´aa dheeraa ta´uu qaba. Kanaafis yoo sirnaan uf hinijaarre diinni abaarsaa, iyyanna fi Press release qofaan mirga namaa hindeebisu. Waan ganama jallate sirreessuun salphaa miti. Garuu yoo har´a hinjalqabamne borus jallaa kanatu karaarra taa´ee dhaloota dhufu eeggata.

 

Biiftuu Bilisaa: Dhumarratti ergaa dabarfachuu barbaaddan yoojiraate carran isiniif kenna

 

Obbo Baqqalaa: Maayii irratti, TBOJ yoo seenaa ganamaa hordofa ta´e duraan dursee waan jireenya mataa isaa ( its own survival) gaaga´u irraa uf tiksuu qaba. Yoo ufii tokkummaaa isaa Seeraa fi Heera isaa irratti hundaa´ee tikfate gamtaa dhaan waan kaan gochuu irraa waan isa dhorku hinjiru. Kana jechuun siyaasa irraa baqachuu jechuu miti. Akka ilaalcha kiyaatti ilaalchi siyaasaa amantii (religon) miti. Amantiin kan mata mataati. Siyaasa garuu gamtaa dhaan murteeffachuun ni danda´ama.Walabummaa ufii gurguruun isa darberraa baramuu qaba.Gumaachi QOf godhamu daandii tokkittii qofaan miti. Yoo kana ta´e TBOJ dhimma Oromoo irratti walaba ta´ee hirmaannaa isaa gumaachuun kabajaa malee hir´ina hinta´u. Aadaa gartummaa jaarmayaa siyaasaarraa gara dirree(forum) marii Oromoo hundaatti uf kaleessuun hammina hinqabu. Kuni miseensi TBOJ tokko akka miseensa jaarmayaa siyaasaa hintaane dhorkuu jechuu miti. Garuu bakka Cayaa kanaatti amalli nuti calaqqifnu heeraa fi seera Cayichaaf kan kabaja qabu Miseensi Cayaa yaadaa fi ilaalcha adda adda qabaatee hanga galii uummata Oromoo irratti waliifgaletti danqaan jira natti hinfakkaatu. Bakka yaadni luuccayaa hintaanetti kabajaan adda addummaa jiru waliif kabajuun haada ykn hidda Oromummaa tiksa. Walgidduutti mariidhaan ilaalcha adda addaaf yoo hiika hinkennine furmaanni murni siyaasaa tokko qofaatti ummata Oromoof fidu ni jiraata jedhanii abdachuun seeruma dimokraasii waliinuu faallaa dha. Yoo xiqqaate biyyi olaakeenya gama Bahaa Oromia fakkeenya nuuf ta´uu qabdi jedheen amana. Mariin waliigalteef haalduree dha. Waliigalteen ammoo Ijaarsaaf bu´uura. Ijaaraman malee falammiin biyya ufii deebifachuu abjuu dha.Yoo akka Oromootti jiraanne qofa QO fi hawwii ummata keenyaaf qabnu mirgisiisuu dandeenya.

 

Beekumsi Siyaasaa kabaja hangafummaa fi safuu hawaasa keenyaa cagaduu jechuu miti. Safuu yeroon jedhu ammoo qor-qlbiitiin (moral psychology)tiin haguugamnee waan imaammataa fi bu´uuraa (basic and fundamental principles) dagachuu jechuu miti. Aadaan Maqq-xureessiin dhihoo kana fuula fuulan adeemu tokkummaa keenyaaf waan yaadame natti hinfakkaatu. Qabsaawummaanis hujiitiin malee heddummina olola diigaatiin madaalamee hinbeeku.Waan har´a akka Ummataatti Oromoon argatee qabsoo isaatiin gonfatee jira jennu kana bakka har´a dhaabannu kanaa utuu hintaane bar-kurnee sadii fi afur duubatti deebinee yoo xiinxalluu dandeenye kabaja waliif qabaanna. Dhaabnni keenyaas nama dhaabicha keessatti sadarkaa adda addaatti qooda adda addaa gumaacheen as gahe. Har´a kaaniin bulguu kaaniin ammoo Dhala-Waaqaa fakkeessanii dhiheessuun dhugarraa fagoo dha. Ammoo warri waliin dukkana sana keessa ba´aa ulfaataa seena-qabeessa baate, warri waliin beela´e, warri waliin madaa waliif tajaajilee isa wareegametti biyyee uffise har´allee hanga tokko kabaja fi hambifannaa arrabaa waliif qaba. Aadaan Gadaa fi Aadaan Dimokraatawaa Oromoo arrabaan odeessinu jiruutti yoo hiikame qofa abdii fuulduraa nuuf ta´a.

 

TBOJ fi Miseensonni isaa haala ammaan tana keessa jirru akka dukkana cillimiitti ilaaluu hinqabani. Dukkana bakka irraa kaaneetu hamaa ture. Mul´ata dhaloonni yeroo sanaa jalqabetu har´aan nu gahe. Kana keessatti ammoo warra kanaaf adeemsa dheeraa kana keessa bakka bakkatti wareegame jaalalaa fi mararfannoo dhaan yaadachaa; warra lubbuun jiraniifis kabaja qabaachaa bakka dabee fi hir´ate jennu yoo sirreessuu dandeenye qofa bu´aa nuuf qaba. Wal xiqqeessuu yaaluun yoo rakkoo keenya daranuu hammeesse malee furmaata dhibee keenyaa hinta´u. Dhaloonni ammoo ilaalcha, daandii/adeemsaa fi galii mataa isaa qaba.

 

Waaqni fittee Arraba irraa nu tiksaa Dhugaa Ummata Oromoo hingatiin jenna !

 

Obbo Baqqalaa yeroo isaani nuuf kennudhaan dhiitama mirga namumma ummata oromof akkasumas hundeffama TBOA/TBOJ irra kase haga yero ammatti halani kessa jirurratti hubanno gudda nufkennusanif maqa qophesitota barulee Biftuu Bilisaaf TBOJn galata guda kenninaf.

 

 

 

 

HTML Comment Box is loading comments...