Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Union of Oromo Students in Germany (UOSG)

 

 

Biiftuu Bilisaa is a quarterly magazin published in Germany by the Union of Oromo students in Germany (UOSG / TBOJ) and distrubuted through out the world in general and Oromia in particular. The magazin in our view section invite prominante activist, political leaders, acadamician and human right activiste to give illustration and interview on the current issues regarding horn africa in general and Oromia in particular. In this edition we have invited Jaawar Muhammad a poltical analysit and a prominante oromo activiste to enlight us about the current political and social situation in the ethiopian empire and horn of africa and we present it as follows.

 

 

Baga Nagaan dhuftan! Welcome! Herzlich Willkommen!

Gaaffif Deebi Obbo Jaawar Muhammad Waliin Godhame

 

Gaaffif deebi Obbo Jaawar Muhammad waliin goone armaan gaditti isiniif dhihessineerra. Haala qabsoon Oromoo yero ammaa keessa jiruf egeree qabsicharratti kanxiyyeffate waan ta'ef barumsa guddaa akka isin irraa argattan abdachaa Obbo Jaawarin maqaa dubbistoota barulee Biiftuu Bilisaatin gudda galateffanna.

 

Biiftuu Bilisaa; Duran dursee Obbo Jawar Mohammad akka of barsiiftanin isin afeera sochi qabso Oromoo kessattis ta'e hawwasa Oromoo kessatti ga'een keessan ykn hirmannan keessan maalidha?

 

Obbo Jawaar Muhammad; Jawaar Siraaj Muhammad naan jedhan. Yeroo ammaatti barnoota sadarkaa ol'aantiitin (graduate studies) hordofaan jira. Hojiin teenya garri caalu, waa qorachuudha. Ammaaf wannin qoradhu haariiroo diinagdee tan hawaasaafi mootummaa jidduu jirtu fuulleeffatti. Dhaloonni kiyya naannawa yeroo dheertuudhaaf sochiin qabsoo sabaa keessaatti godhamtu waan ta'eef joollummanin siyaasaa Oromootin walbare. Barnoota sadarkaa duraatirraa kaasee sochii barattootaa keessatti miseensummaafi hoggansaan hirmaachaan ture. Ala kanas ergan dhufe sochii dargaggootaa keessatti waggoota muraasaaf hirmaadhen jira. Yeroo ammaa xiinxala siyaasaatifi gorsa tarsiimoofi tooftaa qabsootiin jaarmayoota gargaaraatif kennutti jira. Hireen argadhetti cunqursaafi hacuuccaa Oromoorra gahu ninbarreessa; dubbadheetis dubbiidhaan nin hima. Kanaas namootaafi jaarmayoota qabsoo oromoo gargaaruu nidanda'an jedhee yaaduttin hima. Wanni namni biyya alaa jiru gochuu dandayuus kanuma..

 

Biiftu Bilisaa; Obbo Jaarraa Abbaa Gadaan lubbudhan darbusaanitti Oromon hundikenya gadda guddaatu nutti dhaga'ame. kan nama dhibu Oromon walirratti duulaa turelle bakka jiru walbukke dhabachun gadda‘isaa dhagessisaa ture gargaarssalle bayye godhanif. Paltalki irrattile wal arrabsuun hafee afaan tokkoon hasa'a turani. Haata'u male ammas walirratti duulun, maqaa walxuressuun, walccaccabsuun itti deebi'era. Aadaan hololaa kun maal irraa madde jettu isin? Akkamin hafuu danda'a jettu?

 

Obbo Jaawar Muhammad; Hawaasni ilma namaa tokkummaan isaa kan cimtu takkaa gaafa injifnoo guddoo goonfate, yookaan ammoo gaafa gaddi hamtuun isa mudatte. Injifannoo dhabuun hamilee nama buusuun wal-sababefachuu fiddee garaa walitti nama hammeessitti. Akkanaan tokkummaa hawaasaa laaffatti. Duuti Jaarraatis dabruu goota saba kanaa guddaa sanii waan taatef Oromoon ni gadoode; hunda caalaa salphina keessa jirru hunduu of yaadachiiseeti walitti gugate. Duuti Jaarraa gootota kaayoo tanaaf wareegaman cufaafi laamshayuu qabsoo tanaa ummata yaadachiifte hirriba dammaqsite. Ummani Oromoo arjaadha, wal-irraa hin qusatu. Warra siyaasaatitu hamilee cabsee harka isaa akka sassaabatu godhe malee. Ummanni kun wal-jaallata, waliif naha, waliif obsa, murnoota siyaasaatitu walitti diree addaan facaase malee. Ammas yoo siyaasaa teenya sireeffanne, injifannoo galmeessine, diina lafa teenyarraa haleeluu eegalle Oromoon kan dur daran tokkummaa akka ummatu shakkii hin qabu.

 

Biiftuu Bilisaa; Akkuma beekamu jaarmiyaalen qabsoo oromo geggessaa jiran bakka adda addaatti garaagar caccabuun nibeekama. Caccabun yookan tokkumma dhabun jaarmiya Oromoo sababni inni guddan malidha jettu?

 

Obbo Jaawar Muhammad; Sababni guddaan, injifannoo goonfachuu dhabuu keenya. Kan injifannoo nu dhabsiise ammoo, dogongoroota tarsiimoo baroota sagaltamoota keessa uumame. Waraana mooratti galchuun, san booda hogganni jaarmayaafi qondaalota dirretti facaasee biyyaa bahuun, itti aanse handhura jaarmayaa hiddaan buqqaasee biyya alaa bakka waraana taliguudhaaf hin aanjofne geessuun, jaarmayni biyyaafi ummata ofii keessaa buqqa'ee lammiilee biyya alaa jirturratti irkachuun hundi walitti dabalamee injifannoo qabatamaa argamsiisuu nu dhoorkite. Dogongoronni kuni injifannoo hanqisuu isaaniitiin malees akka ummataafi miseensi dhaabaa hogganaratti hijaa (muufannoo) horatu godhe. Dhibbaan hogganarratti uumame isaan jiddutti wal-sababefachuu uumuudhaan murnoota dhalche. Akkuma namni itti siqee laale hundi hubatutti murnoota Oromoo bifa kanaan hundi garaagarummaa kaayootis kan tarsimootis hin qaban. Fakkeeffachuuf akka waan garaagarummaan akkasii jirtutti maqaa haa dhiyaatan malee, garaagarummaan hin jirtu. Kanaaf fakkeenyi guddan warri kaleessa kaayoo ykn tarsiimoo tana malee jedhee kakatu, gaafa kaan laayyumatti kaayoo ykn tarsiimoo biraa yoo dhaadhessu agarra.

 

Biiftuu Bilisaa; Qabsoo Oromoo keessatti warri qabsoo hidhannoo geggeessaa jiranis lafa tokkollee Oromiya keessaa bilisa baasuu hindandeenye akkasumas warri karaa nagaa lolla jedhanis qabeenya Oromoo akka hinsaamamne gochu akkasumas ilmaan Oromoo mana hidhaatti akka malee rakkataa jiran eewaluu hindandeenye. Oromoon akkamitti salphina kana keessaa ba'u danda'a jettu?

 

Obbo Jaawar Muhammad; Jaarmayan qabsoo sabaa geggeessuu fedhu saba sun keessa jiraachuudha qaba; kuni dirqama. Hariiroo jaarmaya bilisa baaftuufi ummata isaa jidduu jirtu hariiroo qurxummiifi bahara jidduu jirtuun wanni fakkeeffamtuufis kanuma. Jaarmayoonni keenya bu'aa buusuu wanni dadhabaniif ummata keessa hin jiran. Hedduun isaanii biyya alaati jiru. Kan biyya jirus yoo ta'e Shaggarumabattala (mishigii) qotatee taa'aa jira malee lafa dhihoo akka Aqaaqii, Dukam, Sabbataafi Burraayyuudhaqee ummata jaaruufi jajjabeessuu hin agartu. Waan warra keessaatis kan alaatis laamsheesse keessaa tokko, akka paartii siyaasaatitti of laaluu isaaniiti. Paartiin siyaasaa ummata bittaa alagaa jalaa bilisa bayee sirna dimokraatawaa uummateef filmaata imaammata diinagdeefi hawwaasummaa dhiheessuf hojjata. Dirqamni jaaramayaafi hoggana ummata cunqurfamee waanuma tokko qofa. Kunis diina ummataa haleelee roorroo jalaa isa baasuudha. Kanaaf jaarmayni qabsoo hogganu humnaafi yeroo qabu keessaa harka guddaa, dhibbeentaa sagaltamii ol, kallattiidhaan diina rukutuurratti (opreational) dabarsuutu irraa eegama. Hojii ololaatifi diplomaasiitif dhibbantaan kudhanuu ni gaya. Milkii bobbaadirreetti helte (argatte) hamilee ummata keetii kakaasuuf, kan diinaa laamshessuufi biyyoota alaatiifi humnoota haqaaf tumsanirraa gargaarsa argachuuf itti fayyadamta. Dalagaan dirreetti dalagamtu yoo jiraachuu baatte namni ololaafi diploomaasii kee gurratti qicatu hin jiraatu. Akka amma agarruun garuu jaarmayoonni keenya fuggisoo isaati raawwatu. Kana yoo jijjirree biyya teenya idilee keessatti ummata keenya waliin guututti diinaan loluu fuulleffannu malee akka amma jirruun garuu dhaquu hin dandeenyu.

 

Biiftuu Bilisaa; Mootummaan wayyane amantaa keessa seenudhan rakkoo gurguddaa uumaa akka jiru nibekama, keessumattu karaa amantaa muslimaa mormii guddatu isa mudate jira. Akka ilaalcha keessanitti mootumman wayyane maalif amanta muslimaa keessa seenu barbade? Amawo mormii hordoftonni muslimaa gochaa jiran malirra jira?

 

Obbo Jaawar Muhammad; Wayyaaneen waan dantaa isii tarsiimoo sadiiif ummata Muslimaatitti kaate. Kan duraahumna Islaamaatu natti ka'ee jechuudhaan gargaarsa biyyoota dhihaaleeyyii (warra dhihaa) kan yeroo ammaa jalaa shirgigaataa jiru harkatti deeffachuudha. Akkuma beekkamutti yeroo dheertuuf sababa Soomaleetiin gargaarsa maallaqaatiifi kan meeshaa waraanaa warra Dhihaatirraa hodhaati baate. Weerarri isii kan bara 2006 gaaga'ama guddaa erga fidee booda bulchiinsi Obaamaa dubbii Somaaliyaatiif Itoophiyaatti fayyadamuun bu'aa isaarra miidhaatu caala jedhee murteeffachuudhaan Keniyatti fayyadamuu eegale. Kana malees, firummaan Wayyaaneen Chaayinaa waliin jabeessaa jirtu warra dhihaa hin gammachiifne. Kanaafu akka warri Dhihaa harka irraa qal'ifachuuf deemu Wayyaaneen waan hubatteef, harka isaanii hidhaa tursiisuuf humna maqaa islaamaatiin shoorarkaaf bobbahubiyya keessatti uummachuu barbaadde. Kana ammoo garee amantii jibbamtuu taate tan maqaa Al-Ahbaash jedhamtuun beekkamtu Lubnaanirraa fiduudhaan humnaan ummatarratti fe'uun muslimoota duchisiisee jeequmsaatti isaan naqa; yoos nimilkoofna jettee yaaduudhani karoorfatte. Sababni lammataa hawaasa amantii keessatti jeequmsa uumuudhaan, akka hawaasni wal afaan garagalee mormiin isaaniitiis siyaasaa sabaatirraa gara tan amantiitti jijjiiruudha. Wayyaaneen humna saba bicuurrraa baatee waan taateef dubbiin kan sabaatirraa tan gara amantitti jijjiiramuun ol'aantummaa saba isii amantii Kiristaanaatiin haguuguudhaan jalatti dahachuu barbaaddi. Kanarrattii keessaafuu lolli amantiidhaa ka'uun diina isii muummicha kan ta’e ummata Oromoo qoqqoodee jeequmsa keessa waan seensisuufisilaa. Wayyaaneen bara hedduu haara galafatti. Garuu, gaanni kan Rabbiitii Wayyaaneen shira kanatti hin milkooyne. Kan sadaffaa, aalimoota Muslimaa isiidhaan morman mancaasuudhaan jaarmayoota amantii tooyattee of tursiisuudha. Akkuma beekamu bara 1995 jeequmsa ofii kaafteen Muslimoota Finfinnee masgiida Anawaaritti walitti buuftee, jaarmaya Majliisaa too'atte. San booda namoota isiif amanamoo ta'an kan beekkumsaafi naamusa amantiis hin qabneen guutaa turte. Kuniis ummata muufachiisee filannoon majlisaa akka godhamtu gaafataa turan. Gaafii tana ukkamsuuf ammallee jeequmsa uumuu barbaaddeeti Al-Ahbaash fidde. Walumaa galatti wanni Wayyaaneen ummata Muslimaatitti kaateef umrii isii dheerafachuuf kaardiin takkittiin hafte amantii borcuu dha jechuu nidandeenya.

 

Biiftuu Bilisaa; Mummichi ministeroota Tophiyaa, obbo Mallas Zenawwin du’uun motummaa abbaa irre tan murna wayyaanee keessatti dhibbaa akkam uumera jettu? Keessumattu jijjiiramni dhaaba Dh.D.U.O (OPDO) keessatti fide jira? Yo Jiraate jijjirama akkami jettu?

 

Obbo Jaawar Muhammad; Duuti Mallasaa Wayyaaneef kasaaraa guddaadha. Tokkoffaa innii Wayyaaneedhaaf ogeessa tarsiimoo guddaa ture; nama gama saniin isa bakka bu'u argachuun laayyoo miti. Lammaffaa, dhaaba san keessatti namoota silaa dandeettiifi dhageetti qaban aangoof waan sodaateef dhabamsiisee waan tureef, ammatti namoota murnoota jiran mara walitti qabu dhabaniiti jiran.Kuna ammoo jeequmsa keessaa dhaamsuu akka dadhaban saaxileeti jira. Sadaffaa Mallasaan addunyaarratti dhageetti guddaa horachuun gargaarsa heddu sirna saniif fidaa ture. Amma gargaarsi sun irraa qaqal'achaa jira. Afraffaa hogganoonni dhaabbilee Wayyanetti maxxananii jiranii hedduun kan amanamoo ta'aniif Mallasaa akka nama tokkotti waan kabajaniifi sodaataniif ture. Amma warra hafeen akkuma wal-qixxeeti wal-ilaalu. Kanaaf Wayyaaneen akka duritti dhaabolee maxxannee kanniin too'achuuf isii dhiba.

 

Duuti Mallasaa OPDO keessatti jijjiirama guddaa hin finne. Wanni tokko kan ta'ee namichi akka gaaddisa baarzaafi ta'ee isaan qancarsaa ture kufuun, hanga tokko akka aduu argatanii hiree olbabahuu qabaatan haala mijeessuu mala. Haata'uuti Wayyaneen kana waan beektuuf namoota jajjaboo OPDO keessa jiran rukutaa jirti. Abbaa Dulaa Gammadaa, Girma Birruutifi Juneydii Saaddoo rukutanii jiran. Yaanni saanii warra mooyxannoo qabuufi nuun qixaa kana yoo dhoofne, warri haarayni muudamu nuun hin morman kan jedhu. Garuu namni barate heddu jaarmaya keessa seenee waan jiruuf akeekni Wayaanee kun waan milkaa'uuf deemu natti hin fakkaatu.

 

Biiftuu Bilisaa; Dhumarratti ergaa dabarfachu barbaaddan yoo qabaattan carran isinif kenna.

 

Obbo Jaawar Muhammad; Ergaan ani qabu, Oromoon boortaandhaan moo'amee, har'as boortaadhan ukkaamfamee saamamutti jira. Ummata guddaa lafa biyyattii guutuu soorturra jiraatu kanaaf kadhaadhaan takkaahoo gargaarsa alagaatin mirga isaa deebisuun waan yaadamuu miti. Oromoon biyya ofitti abba ta'uuf diina aangorra jiru mancaasuun dirqama. Kanaaf ammoo jaarmayaafi hoggana ummataafi lafa isaarratti lolee lolchiisu, kan wareegamaaf of qopheesse isa barbaachisa. Afaanfajjiifi atakaaruu waldhabbii kaayoofi tarsiimoo fakkeessanii jalatti dahachuun hafuu qaba. Dhaadannoon fagoorraa goonu tun bu'aa akka hin qabne beekuu qabna. Diina sossobnee, alagaa warra dhihaa naasifannee aangoo qabanna jechuudhaan of sobuu haadhiifnu. Dhiiga obboleeyyaan keenyaatifi gargaarsa waaqaatin as geenye; ammas sanumatu bakkaan nu gaha. Namni ummata kanaaf hadoodu hundi salphina ummanni kun keessatti kufe jalaa baasuuf dammaquu qabaan jedha.

 

Biiftuu Bilisaa; yeroo keessan aarsaa gochudhaan gaafif deebii barulee Biiftuu Bilisaa waliin gootanif maqaa tokkumaa batattoota oromo Garmanitif (TBOJ) maqaa qophessitoota barule kanaatin guddaan isin galateeffadha. Akkasumas dubbistonni barulee keenyaa gaaffif deebi Obbo Jaawar Muhammad waliin gonerra barumsa guddaa akkasin argatan ni abdanaa.

 

Obbo Jaawar Muhammad; Isinillee hiree naaf kennityaniif ulfaadhaa wayyoomaa! Tajaajila ummataafi kennaa jirtaniif ammoo galannii keessaan bilisummaadha.

 

 

HTML Comment Box is loading comments...