Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Union of Oromo Students in Germany (UOSG)

 

Biiftuu Bilisaa is a quarterly magazine published in Germany by the Union of Oromo students in Germany (UOSG / TBOJ) and distributed throughout the world in general and Oromia in particular. The magazine in our view section invite prominent activist, political leaders, academician and human right activist to give illustration and interview on the current issues regarding horn Africa in general and Oromia in particular. In this edition we have invited Garasuu Tufa an oromo activist to enlighten us about the current political situation the state of the oromo liberation movement in the Ethiopian empire. We wish you a good read!

 

 

Baga Nagaan dhuftan! Welcome! Herzlich Willkommen!

Gaaffif deebi dargagoo Garasuu Tufa waliin qopha’e

 

 

Erga ummani oromoo kiyyoo gabrummaa jalatti kufee kaasee mootummoonni darban gara hangootti dhufan hundi miidhaa gurguddaa ummata keenyarraan ga’aniiru. Kana baruuf ammoo ummani keenya baroota dheeraf halani keessa darbef hara keessa jiru ilaalun ga’adha. Mootummoota darban keessaa mirga abbaa biyyummaa ummata oromoo kankabaje tokkolee hinture. motumaan wayyanee ha’a hangoo dhuunfatee kanjiru sirna federalisiman ofbulchina jechaa miidhaa daangaa hinqabne ummata keenyarraan ga’aa jira. Haata’u malee caalatti ummata oromoo gabrummaa jala akka jiratu kangodhe inni guddaan tokkummaa dhabinsa. Yeroo ammaa haalli jaarmiyaaleen oromoo keessa jiran yoo ilaalle baayye kan nama qaanessudha, ittu qabsoon oromoo akka laafu godhee jira. Isa kana ilaalchisee haala qabsoon oromoo yeroo amma irra jirurratti gaaffif deebii dargaggoo Garasuu Tufa waliin goone akka armaan gaditti dhihesinera.

 

Biiftuu Biiliisa: Jalqabarratti gababsitee akka ofbarsiistun sigaafadha ga'eenke yokan hirmaannankee hawaasa yokan qabsoo oromoo kessatti maali?

 

Garasuu: Ani gidduu galessaa Oromiyaa naannoo Aqaaqittin dhaladhee. Guddinii fi barumsii koo magalaa Aqaaqii kessattii dha. Eegaan barumssa fixee University Finfinnee galee sochii barattoota Oromoo keessatti hirmaataa waanan tureef rakkoon narraa gaheen anaa waggaa 4 barataa jiruu biyyaa bahuuf dirqamee. Eegaa yeroo sanatii waggoota 10n darbe kana kessatti yeroo dheeraaf sochii Oromoo kessatti bifa adda addaatiin hirmaatan jira. Ammaaf kanumaan jedha.

 

Biiftuu Biiliisa: Maqaa ABO tin dhaabni waamamu yeroo ammaa gara dhaba afurii akka ta'an nibeekama kun ammoo waldhibdee moora qabsoo Oromoo keessatti uumame irraan kanka'edha jedhama mee waldhibdeen uumamee dhaaba kana iddoo afuritti isa hire kun maalidha jetta?

 

Garasuu: Akkuma ati jette dhaabooti yeroo amma maqaa ABOn socho’an hedduu ta’anii jiu. Qoqqodamuu isaaniitiif waan sababa ta’e hedduu maqaa dhahuun ni danda’ama. Asirratti sababa hunda gutuutti ibsuuf yeroo fi bakka fudhatuu ni mala. Garuu sababoota akka Mulata ifaa(Clear Vision) dhabuu; Tarsimoo fi Toftaa dhugaa-hundessuu(realistic) fi hojjataa(workable) dhabuu; jaarmiyaa sona-qabessa( vibrant organization) dhabuu; toftaa wal-diddaa kessaa ittiin hiikan dhabuu(lack of internal built conflict resolving mechanism); dandeettii fi leenjii dhabuu qabsa’otaa fi hogganootaa; diinaa fi firaa ifaatti addaan baasuu wallaaluu; haala keessaa fi alaa sirritti hubachuu dhabuu(lack of understanding of internal and external environment); fi aadaa siyaasaa bodessaan sochii qabsoo Oromoo kana kessatti dagaaguu dha jedheen amana. Sababiin kunniin hundinuu bifa adda addaatiin laafina sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kessa jiru fi qoqqodamiinsa uumame kanaaf gummaachanii jiru. Yaada kiyya sirritti ifa godhuuf qabxiiwwaan akka sababaatti kaasee kanneen kessaa tokko tokko ibsuufan tattafadha.

 

Akka ani yaadutti dhaaba tokko milkessuuf inni duraa mulata ifa ta’e(clear vision) qabaachuu dha. Yoo mulati ifaan hin jiraanne dhaabni tokko bakka itti deemuu fi akkamitti akka deemu karoorfatee hojjachuuf ni rakkisaan. Dhaabni fulduree isaatti suraa ifaa ta’e tokko qabaachuu qaba. Mula’ati kunis dhugaa-hundessa(realistic) fi kan dhaqqabamu ta’u qaba. Yoo mula’ati ifaan akkasii jiraate hooggannii fi miseensi dhaaba sanaa cichoomaa(commitment) barbaachisu ni qabaata. Toftaa fi Tarsiimoo barbaachisu kalaaluuf, eenyu waliin hariiroo uumna, jijjirama akkamii biyya keenya irratti fiduuf deemna, injifannoo yoo jennu maal jechuu keenya akka salphaatti deebii argata. Kanaaf hunda dura maal argachuuf akka qabsa’an baruun barbaachisaa dha. Kuni ifaatti bakka hin jirreetti tokkummaaf jabina jaarmiyaa tiksuun ni rakkisa. Dhaaboota Oromo keessatti waan wal-diddaa uumuu fi addaan facaasu kessaa inni tokko mula’ata ifaa dhabuu kana dha.

 

Akka ani hubadhuutti mula’ata ifaa dhabuutti aanee rakkoon guddaan sochii Oromoo kessatti jeequmsaa uumaa turee fi jiru tokko tarsimoo fi tooftaa dhugaa-hundessafi hojjetaa ta’e( realistic and workable tactic and strategy) dhabuu dha. Dhabni tokko haguma fedhe yaadaa fi abjuu bareeda qabaatu, abjuu bareeda qabaatuun qofti milkii fiduu hin danda’u. Abjuu/Mul’ata sana akkamitti milkessina daandii jedhu irratti itti yaaduun tarsimoo fi toftaa hojjataa fi qabatamaan hojjitti jijjiramuu danda’u faluu feesisa.

 

Sochii Oromoo kessatti yeroo hedduu rakkoon mul’ata dhabuu irraa akka ka’e gad-fageenyaanis ta’u baatu ni hasawama. Dhaaboti maqaa ABOn of yaamanis ta’e dhaboti biroo Oromoo yeroo hedduu waan mul’ataa fi sagantaa siyaasaa irra deddebiyanii ni hasawu. Akkuma dura jedhe inni waan barbaachisu kessa isa tokko dha. Garuu jabinnii fi guddinni jaarmiyaa mul’ata gaarii fi sagantaa siyaasaa gaarii irraa qofa argama jedhanii yaaduun afaan-faajjii(illusion) guddaa dha. Akkuma beekamuu dhaaboti maqaa qabsoo Oromoon of-waaman hedduun yeroo garii duraatti, yeroo garii duubatti sagantaa siyaasaa isaani sirressesanii jiru. Garuu hojjii isaanii guyya guyyaa irratti jijjirraan dhufee qabatamaani hin mul’atu. Kana jechuun rakkoon bakka sana qofa hin jiru jechuu dha. Dhaabni tokko injifannoo qabatamaa tokko fiduuf, tooftaa fi tarsimoo, haala uummata isaa, uumama diina isaa, haala naannoo isaa, uumama jaarmiyaa isaa fi bifa miseensota isaa ilaalcha kessa galchee kan qabatamaan hojjatuu dandaú tokko kalaaluu qaba. Haata’u malee sochii Oromoo kessatti yeroo hedduu tarsimoo irratti marii godhamu hin dhaga’amu.

 

Tarsimoon tokko yoo filatamu, jallachuu fi jibbuu irratti hunda’e miti. Eega xinxalli tarsimoo(strategic Analysis) gad-fageenyaan godhamee booda filama Xinxallii tarsimoo(stratetic analysis) kuni yoo godhamuu odeffannoo qabatama ta’e haala kessaa fi alaa eegaa sirritti sakkatta’ee booda filannoo tarsimoo(strategic option) wal bira qabuun tkam akka wayyuu ilaala. Kuni bifa saaynisawaa ta’e tokkoon godhama malee miiraan(emotitio) hin ta’uu. Tarsimoon tokko ammo yeroo tokko filame jechuun akkuma siidaa bakka tokko taa’a jechuu mitii. Haalli kessaa fi alaa yoo jijjiramu haala jijjiramee sana waliin akka wal-simuu danda’utti sirreffamaa(adjusted) deemaa. Otoo xinxala tarsimoo(strategic analysis) hin godhiin tarsimoo filuun dogogora(fallacy of highest order) guddaa dha. Haala keenyatti yoo deebine tarsimoo fi toftaa qabaatuu mitii yaadumtii isaatu waan jiru hin fakkaatu.

 

Yeroo garii waan hedduu nama qanessu tarsimoo keenya qawween ykn karaa nagaa jedhanii isaanii wal-loluun arga. Jarri lachuu waan jedhan kana godhuufis ta’e waan kuni akkamitti akka hojjitti jijjiramu yaada bilchaate(detailed strategic document) hin qaban. Xinxala tarsimoo(strategic analysis) barbachisu otoo hin godhiin dandii kanatu nu baasa jedhanii dubbachuun kaayyoo otoo hin taane daandii waaqessuu (worshiping the means) ta’a.

 

Gariin yaada qawwee/qabsoo hidhannoo jedhu kana irraa deddebiyanii jechuun waan goota ta’an itti fakkaata. Warri hafanis karaa nagaan jechuun akka waan Oromoof dandii(karaa) gabaabaa filaniif itti fakkaata Sochii qabsoo tokko kessatti tarsimoon filatamu haala qabsoon sun itti deemaa jru, uumaa diinaa, haala uummata sanaa fi nannawaa sanaa xinxaluun ta’a. Qabsoo hidhannoos haa ta’u qabsoon bifa biraa hojjachuu ni mala. Hata’u malee haga falmiin jabaan, qorannoon gad-fageenyaa fi xinxalli tarsimoo hin godhaminitti waan jedhamu hundi haasaa (oduu)dhuuma karaa irraa ta’ee hafa. . Gartuun lachuu marii sirnaa fi falmii(debate) akkasumas xinxaalli tarsimoo(strategic analysis) akka hin deemne sakaalanii(hostage) godhanii jiru. Maraamartoo(vicious circle) akkanaa kana kessaa haga isaan bahanitti sochii qabatamaa godhanii injifannoo qabatamaa galmessuun hin danda’amu. Bakka hojjiin qabatamaan hin jirreetti ammoo wal-nyaatuu fi wal-jeequun, laafina jiru walitti haqatuun kun itti fufa.

 

Xinxala tarsimoo(strategic analysis) gaggessuun toftaa fi tarsimoo filuuf jaarmiyaa barbaachisa. Otoo jaarmiyaa hin qabanne waan kana godhuun hin danda’amu. Jaarmiyaa jechuun kan maqaa qabu, sagantaa siyaasaa qabuu fi kan waggaatti yeroo tokko ibsa baasuu jechuu miti. Jaarmiyaa jechaan namoota walitti qabamee jechuus mitii. Jaarmiyaa kanaa olii dha. Jaamiyaan meeshaa namooti kaayyoo wal-fakkataa qaban walitti dhufanii yaada, qabeenya, humnaa fi dandetti isaanii walitti kuusuun kaayyoo dhabbataniif sana bakkan gahuuf ittiin(waliin) hojjatanii dha. Jaarmiyaa tokko kan yeroo irraa gara yerootti dandettii fi hubannoo miseensota isaa guddisaa deemu, kan haala(environment) kessa jiru yeroo yeroon xinxalee toftaa barbachisu tokko baasu, kan kessatti miseensoti isaa afuura-tokkummaa(Espirt de corpus) qaban,kan haala of-dura dhufu tilmamee toftaa fi tarsimoo haala sana ittiin taligu( managing changes) kan qabu, sirnaa fi aadaa hojjii ( internally built system and organizational culture) kan qabu, kan yaada adda addaa miseensota isaa gidduutti uumamu akka falmii jabaan(vigorous debate) godhamee kara tokkotti luucca’u, yoo wal-diddaan uumames wal-diddaa sana hiikaaf irraa barataa deemuu fi walumaa galattii jaarmiyaa huumaan miseensa isaa, yaadaa fi qabeenya miseensotaa walitti qabuun annisaa(synergy) uumuu danda’u ta’uu qaba.

 

Karaa jarmiyoota Oromootti yoo deebinuu hedduun isaanii ulaagaa akkanaa hin guutan. Miseensa jechuun kanuma maqaa isaa achi kessatti barreffamee buusii xixxiqqoo tokko buusuu/walitti qabu hogganni ammoo waan walitti guuramte sanaan kan hojjii hojjetu fakkaata. Haala akkasii kana kessatti bu’aa qabatamaa fiduun waan hin danda’amneef wal-nyachuuf wal-komachuun kessatti guddata. Kanaaf gara addaan qoodamuuf qoodamiinsa sanaaf ammoo himata(narrative) tolfachuutti deemu.Himati(narrative) duraa-duubatti(retrospectively) uumama. Aadaan yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuuf falmuu waan hin jirreef waan himatamu(narrative) kamtu dhugaa dhaa fi kamtu sobaa addaan baasuun hin danda’amu.

Jarmiyaan ijaaramu tokko ilma-namaa yaada qabu walitti dhufuun ijaarama. Namni walitti dhufu kun ammoo yaada adda addaa qaba. Yaadii adda addaa kuni qulqullayee kara tokkotti qajeeluu qaba. Falmii godhuu fi aadaa jaarmiyaa tokko kessatti yaada ofii bilisa ta’anii ibsatuu, dhimma tokko irratti ilaalcha(perspective) adda addaa ibsatuu dhabuu, ilaalchi adda addaa kuni ammoo falmii(debate) sirna qabuun akka inni yaada tokkotti qajeelu godhuun aadaa jaarmiyaa tokko kessatti isa murtessaa dha. Jaarmiyaa yaadi adda adda kessatti hin callaqisnee ykn wal-diddaan kessatti hin uumanee jaarmiyaa nama du’an ijaarame qofa dha. Namni lubbuu qabu ni yaada. Yaadi nama ammoo yeroo hunda tokko ta’uu hin danda’u. Yaadi adda addaa kuni akkamitti kara tokkotti qajeelee, jaarmiyaa jabaa ta’a jedhanii yaaduun toftaa fi tarsimoo hojjetaa fi aadaa jaarmiyaa jaba barbaachisa. Jaarmiyaa Oromoo kessatti yoo ilaalle, yeroo hedduu yaada irratti otoo hin taane namoota irratti ijaaraman. Kana jechuun koo,Namoota maqaa nama tokko tokko ilalanii jaarmiyaa wayii deggaran ykn ammoo maqaa nama garii ilaalanii jibban ni jiru.

Jarri akkasii maqaa namaa ilaalanii walgayii dhaquu ykn hafuu. Walgayii gartuun isaanii irraa shakkii qabaniin adeemsifamu hin dhaqan. Akkuma waan yaadii namaa walgayii irratti afuuraan akka dhukkubaatti darbuutti sodaatu. Kanaaf yeroo hunda waanuma ofii fedhan dhaga’u. Yoo dubbatanis warruma yaadaa akka isaanii duranuu qabu qofaatti dubbatuu. Kanaaf walgayiin suni homaa hin jijjiruu jechuu dha. Namuma duraanuu yaada tokko qabutti yaaduma sana irraa deebiyanii dubbatuun maratummaa irraa garagarummaa hin qabu. Yaadii kiyya gaarii dha namni jedhuu fi ofirratti amantii qabu tokko bakka inni yaadaa isaa itti deemsisuu fi dhiibuu qabu, warra yaadaa sana hin qabnee biraattii dha. Yoo akkas godhee nama harayaa yaadaa isaatti fidaa deema. Namni isa deggaruus ni guddataa deema. Yoo yaadii isaa suni warra yaadaa isaa mormu sana bifa gahaa ta’e tokkoon hin amansiisnee, laafina yaada isaas baree yaada isaa sana qorachuu ,sirreffachuu ykn akka biraa tokko soneffachuu(rearticulate) godhuu ni danda’a.

 

Bakka walgayiis yoo dhaqan yaada kennamurratti otoo hin taane namicha yaada kennerratti yaada kennatu. Yeroo garii waan namichi suni ammatti dubbataa jiru irratti otoo hin taane waanuma wagga 30 dura ykn 40 dura inni dubbataa/yaadaa ture irratti yaada kennatu ykn ammoo seeteedhaan(prejudice) dhaan guutamanii dhaqu. Waan achiitti argan otoo hin taane waan duraan mataa isaanii kessa jiruun lolu. Namni bara dheeraa kessa yaadaa isaa ni jijjirrata. Waan inni yeroo sanatti dubbatuu ilaalanii sirrummaa(validity) yaadaa sana ilaaluu dha malee waan inni amma dubbatuu dhiisanii waan inni wagga 40 dubbataa ture waliin wal-loluun homaa hiika hin qabu. Namni waa barataa deema waan ta’eef dirqamatti uumurii guutu yaada tokko hin qabu. Yeroo hedduu namooti durii qabsoo Oromoo irratti ilaalcha bira qaban amma yoo sochii Oromootti dhufan ilaalcha akkana kanatu rakkoo itti uuma. Gariin isaanii namni walgayii tokko yoo dhaqee kessayyuu bakka isaan jibban guyyaa biraa namaan oodu. Ilma nama kana akkuma xaarmusii duwwaattii ilaalu. Bakkuma dhaqeetti abbaan fedhe waanuma fedhe guyyuma tokkoon itti guttatuu. Namni akkasitti yaadu waruma yaada ofirratti amantaa hin qabne dha. Ammallii akkana kuni jaarmiyaa Oromoo kessaa balínaan mul’ata.

Ammalli jaarmiyooleen Oromoo qaban biraan ammoo, hedduun isaanii maqaa Oromootiin yaa ijaaraman malee, yoo itti siqanii ilaalan maandhee(core group) wayii of kessatti qabu. Hundeen kuni namoota naannoo tokko dhufan, ykn umuriin walitti-dhiyoo jiran ykn ammoo hiriyoota/firoota ta’uu nimalu. Kanaaf miseensoti yeroo hedduu bakka lamatti qoodamu. Warra gartuu maandhee iciitii keessaa(Core Group)kanaan kallattiin walitti hidhatee jiruu fi miseensota moggaa( peripheral members) jechuu dha.

 

Jaarmiyaa kessa jaarmiyaan jira jechuu dha. Warri moggaa kun naannoon ykn umuriin warra jaarmiyaa sanatti abbummaa qaban(core group)kanaaf faayaa ykn golgaa(decoration or cover ) ta’uf malee yaadaa fi ilaalchi isaanii hagas mara murtii darbu irratti dhiibbaa hin qabaatu. Jaarmiyooti Oromoo jiran hundi isaanituu otoo tokko tokkoon maqaa kasnee ilaalle eenyu gartuun akkamii akka kessatti madheffatee jiruu fi eenyuma maqumaaf akka jaarmiyaa sana kessa akka jiru baruun ni danda’ama. Gariin isaanii namni mandhee kessaa(core group) sana irraa adda ta’e hedduu waan hin qabneef, haga danda’anitti nama addaa suni tokko illee yoo ta’e akka inni fuula(public) isaanii ta’e mul’atu godhuuf tattafatu. Ammallii kuni seeraan barreffatanii hin qaban. Garuu akkuma duratti jedhe namni nama yaada isaarraa fagoo jiru aadaa dubbisuu fi waliin hasawuu waan hin qabneef namuma isa fakkaatu/naannoo isaatti dhalatii walitti dhufenyaa maatitii fi firummaa(informal network) irratti ijaarama. Garuu akka jaarmiyaa hunde bal’aa qabu fakkessuuf namoota tokko tokko barbadanii itti dabalu. Warri mandhee akkasii qaban kuni yeroo Oromo kessa babarrummaan(diversity) akka jiru dubbiin ka’e fi jaarmiyaan kuni Oromoo hin callaqqisuu(reflect) hin godhuu yoo jedhanii akka malee of-ttissuu(defesive). Garuu uummatii jiruu isaanii guyya guyyaa fi eenyu walgayii isaanirratti akka hirmaatu, eenyu guyyaa isaan walgayii waaman yoo dhaqee gaaffii akka gaafatuu fi gaaffii akkamii akka gaafatuu beekuun jaarmiyaa tokko kan gartuu warra akkamii dha waan jedhu suni akka salphaatti deebiyaa. Kanaaf namni ifaatti jechuunis baatu kessatti garuu eenyuma(characterize) isaan godha.

 

Haalli kuni akkuma salphaatti waan baramuuf miseensota moggaa kuni yeroo yeroo irraa harca’aa yoo deeman gartuun suni qullaa ta’eeti warruma maadhee kessaatti hidhata qaban sanatti qullayaa deema ykn ammoo waggoota 10 booda illee yoo itti deebitee ilaalte bakka turan sana irraa yoo gad-deeman malee isaanii ol-deemu(gudatu) hin argitu. Jaarmiyaan ilma namaa kan lubbuu qabuun ijaarame tokko keessatti jijjiiramnii fi guddinni jiraachuu qaba. Yoo jijjiramnii fi guddinii jirachuu baate jaarmiyaan suni du’ee jira ykn warri jaarmiyaa sana kessa jiran yaadi isaanii duee jira jechuu dha. Haalli kun sochii Oromoo kana kessatti baldhinaan muldhata. Namoonni jaarmiyaa akkanatti du’an kana kessa jiraatan fi achuma kessa ho’ifatanii(comfort zone) kessa jiraachuun isaan nufsiisee ka’aniituma jarmiyaa biraatti ce’u. Aadaan kun illee jaarmiyooleen addaan baba’uu fi eega addaan baba’aniis homaa waan qabatamaa ta’e tokko hojjachuu akka hin dandeenye godhee jira. Walumaa gala rakkinooti ani olitti xuxxuquuf yaale kunii fi rakkinoooti biraa ABOs dabalatee jaarmiyoolee siyaasaa Oromoo akka addaan diigamaa deemanii fi akka isaan hin guddannee taasisee jira jedheen amana.

Biiftuu Biiliisaa: Waldhibdeen kun furmaata argatee jaarmiyooleen kun walitti deebi'uu nidanda'u? akkam yoo ta'e furmaata argachuu danda'a jeta?

 

Garasuu : Gaaffii gaarii dha. Wal-dhibdeen kun ni furama ykn hin furamu jedhanii deebisuuf aadaa fi amala(organizational culture and character) jaarmiyaa kanneen kessatti dagaage ilaaluun barbaachisaa dha. Dhugaa dha rakkoon siyaasaa hin hiikamne tokko illee hin jiru. Garuu rakkoo tokko hiikamuuf dura rakkoon sun rakkoo ta’uu beekuu fi hiikuuf murtessuu gaafata. Akkuman gaaffii lammataa jalatti ibsuuf yaale sana sababootin dhaabooleen kuni haala amma kessatti argaman kana kessa akka seenan godhe hedduu dha. Yeroo gaaffiin laafina jaarmiyaa Oromoo fi sochiilee Oromoo ka’e sababa tokko ykn lamatu ka’a. Yeroo garii nama tokko ykn gartuu tokko faatu akka sababattii himama. Akka ilaalcha kiyyaatti suni sirrii miti. Sababni laafina kana nutti fidan waan olitti tarresse sana dabalatee baay’ee dha jedheen amana. Kanaafuu rakkoo kana hiikuuf waan rakkoo ta’an sana hubachuu fi waan hubatame sana furmaata hundeetti jijjiruuf qophayyuu barbaachisa. Dogoggora kana dura ta’an dogoggora jedhanii amananii qabsaawotii fi humnootiin waan kana kessatti hirmaataa turan hunduu itti-gaafatamummaa(responsibility) fudhachuu qabu. Sadarkaa adda addaa haa taú malee hundi keenya iyyuu yeroo kessatti hirmaataa turreetti waan hammeessine(balleessine) jiraachuu waan maluuf waan darbeef itti-gafatamummaa fudhachuun sadarkaa isa eegalaa(jalqabaa)ti jedhe amana. Itti aansuun kan ta’uu qabu waan bade kana yaadaaf qalbii sirriin(gaariin) ilaaluun adda baasanii xinxaluu feesisa. Otoo waan badee fi tole addaan baasanii hin beekne waa sirressuun hin danda’amu. Jaarmiyooleen kun kana godhanii of-sirressanii walitti deebiyanii humna ta’uu nidanda’u gaaffii jedhu deebisuun na rakkisaa. Sababiin akka rakkoon kun hin hiikkanne godhu shantu jira. Kunis haala isaan kessa jiranii fi amala jaarmiyaa isaan kessatti dagagee jiruu dha.

Sababiin kunniniis:

  • Amala jaarmiyaa(organizational culture) akkuma dhugaan dhuunfaa isaanii jala(monopoly of truth) jirtutti ilaaluu. Jarmiyooti kuni hundi isaanii dhugaan isaanuma bira akka jirtuu fi warri biraa qofti akka dogogoreetti amanu. Kanaaf rakkoon kun kan furamuu danda’u, guyyaa isaan hundi dogogora kessa akka jiran baranii(hubatanii) gara haqaan (karaa dhugaan) rakkoo kana furuutti dhufana jedheni amanan ta’a. Rakkoo fi dogogorri bakka hunda jiraachuu hin amanan. Jaarmiyaan tokko ykn ammoo namni tokko dogogorri warruma biraa qofa bira jira jedhe kan amanu yoo ta’e jaarmiyaa sana jijjiruun hedduu rakkisaa dha. Gariin isaanii waanuma kessa jiran, waan naannoo isaanii jiruu fi warri biraa illee akkamitti isaan akka ilaalu hin beekan ykn beekuu hin fedhan. Namuma isaan fakkatuu fi yaada isaan fakkaatu qabu qofatti hasawuu. Amartiin(clique) isaan ijaarratan kunis yeroo irraa kara yerootti waan dhiphachaa deemuu dha. Namni xiqqoo yaada adda ta’e qabu waan irraa harca’aa deemuuf. Kanaaf jarri kuni warruma ofitti hasawu(monologue)kessa jiru tokko jechuutu danda’ama. Gartuun ofitti qofa hasawuu fi waanuma namni isa fakkaatu jedhu qofa dhaga’u amala jijjirratuu hin danda’u. Ammalli aakkasii kun, haallii amma jiru kun akka hin jijjiramne gufuu guddaa ta’a.
  • Amalli biraa rakkinooti jaarmiyoota kana kessa jiru akka hin hiikkanne godhu jarri kun waanuma waraqaa irra jiru irratti wal-lolaa jiran malee qabatamaan waan guyyaa guyyaan hojjataa jiran hedduun hin jiru. Bu’aa inni tokko buusu kan isa tokkoo irra hin caalu. Muuxannoo yeroo dhaa gara yerootti argataa jiranis hin jiru. Jaarmiyaan tokko otoo hojjii qabatamaa kan lafa irratti hojjatu ta’ee hojjii isaa sana irraa barata. Dogoggora godhe irraas ni barata. Waan takkaa dogoggore lammata itti hin deebi’u. Yaadi jaarmiyaan suni qabus lafa irratti ni hojjata moo hin hojjatu jedhanii badaduuf(yaalii)(test) godhuuf carraa hin qaban. Namni homaa hin hojjanne dogoggoruu fi dogoggora sana irraa baratuuf illee carraa hin qabaatu. Waan isaan yaadan yeroo hedduu mudoo-malessa(perfect) itti fakkaata.

 

Kanaaf yeroo irraa gara yerootti laaffataa fi namni xiqqoo waan kessa jiranu kun galuuf irraa fagaataa warruma akkuma olitti jedhe sana yaadaan wal-fakkatuu fi ofumatti hasawuutu walitti hafaa fi dandettiin isaanii waan qabatamaa tokko hojjatuuf xiqqaataa deema. Haalli kunis jijjirama fiduuf gufuu guddaa ta’a.

 

Rakkoon biraa kan jaarmiyootii garii kessa jiru birmadummaa (organizational autonomy) ofii isaanii hin qaban. Hariiroo isaan biyyoota “fira” jedhamu waliin qaban madalamaa miti. Abba fedhan waliin hasawuuf, yaada barbaadan deemsisuuf, bakka fedhan deemuuf mirga hin qaban. Dubbiin kun yeroo hedduu hin dubbatamu. Akkuma hoodaatti(taboo) ilaalama. Garuu rakkoon kun dhugaa lafa jiru dha. Namni harka namaa jiru tokko eenyu waliin hasawuu akka qabu, maal hasawuu akka qabu, bakka deemuu qabuu fi deemuu hin qabne warri humna qabu fira jedhamu santuu murtessa. Fedhii warra fira jedhamu kanaa fi fedhiin uummata keenyaa ammoo bakka hedduutti waliin hin deemu. Fedhiin hojjii irra ooluu maluu fi danda’u garuu fedhii jaarmiyoota kanaa otoo hin taane fedhii humnoota fira jedhamanii kana dha. Bifa biraatiin jechuuf gariin jaarmiyaa kanneenii bilisummaa mataa isaanituu hin qaban jechuu dha. Gariin isaanii waan akkasii kuni yoo dubbatamu ni waakkatu. Rakkuma tokko illee hin qabnuu jedhu. Mallattoo bilisummaa dhabuu kessa tokko akkuma bilisummaa hin qabne iyyuu ifaatti dubbatuu sodaachuu dha. Qaamotiin akkasii kun ammoo bilisummaa yaadaa qabaatanii, karoora fi sagantaa mataa isaanii bafatanii socho’uun warra biraa waliin hasawanii waan fedhan godhuuf hin danda’an.

 

Rakkoon biraa fi inni guddaan jaarmiyootin kun uummataan alatti sochii godhaa jiran. Tokkoon isaanii illee uummata kessatti sochii qabatamaa godhaa hin jiran. Hogganni isaanii hedduun isaa ala jira. Miseensi isaanis akkasuma. Jaarmiyaa tokko uummata kessaa alatti ijaaruu fi jabessuuf tattafachuun akkuma biqiltuu bakka bishaanii fi biyyoon hin jirretti magarsuuf tattafachuu ykn ammoo akkuma qurxummii bishaaniin ala jiraachiisuu ta’a. Biqiqltuu bakka bishaanii fi biyyeen hin jirretti harata fi fixeensaan magarsuuf tattafachuun ni danda’ama ta’a. Yoo margus waan ol guddatu fakkaatuu ni mala. Garuu yerooma fixeensi suni gogee fi soorati biyyee/harataa walitti qaban sana kessa jiru dhumeen biqiltuun sunis ni goga/du’a. Kana yoon jedhu maal jechuu kiyyaa dha?. Jaarmiyooti hedduun isaanii biyya alaa jiru, Miseensi biyya alaa jira, Hogganaan biyya alaa jira. Humnii namaa, qabeenyii fi dandeettiinis kanuma biyya alaa jiru fi daqiiqa gababa waanuma kanarrattuu yaaduuf warra hin fudhanne dha. Kanaaf jaarmiyooti kuni guddachuuf carraa hin qaban. Ummatis jara irratti dhiibbaa godhuuf carraan hin jiru. Jireenyi isaanii uummata ala jiru kana kessatti network ofii isaanii ijarratuun warruma isaan fakkatuutti hasawaa waan jirataniif dhiibbaa irratti godhuun rakkisaa dha. Kanaaf haalli isaan kessa jiru kuni akka salphaatti ni jijjiramaa jedhanii yaaduun nama rakkisa.

 

Rakkoon biraa sochii Oromoo kana kessa jiru fi gufuu jijjiramaa ta’e tokko rakkoo dhalootaati. Sochiin qabsoo Oromoo kana kessatti irra jireessa namoota uumuriin deemanii fi bara dheeraa qabsoo kessa turanin deemaa jira. Kuni akka tokko rakkoo hin qabu ykn ammoo warra muuxannoo qaban jedhamuu ni danda’ama. Garuu namni tokko haguma umuriin turu waan harayaa arguu fi waa jijjiruun isaa rakkisaa deema. Waan haryaan namoota turan kana shororkaa ‘insecurity’ itti uuma. Yeroo hunda namni waan haarayaa yaaduun kessayyuu nama umuriin deemeef ni rifachiisa. Haala amma jirru kana hoíftanii ‘comfortzone’ jiru. Jijjirraa jechuun garuu waan ititee (qorree)walxaxee)jiru ‘comfortzone’ kana diiganii ‘unfreez’ akka qajeelu godhuu dha. Yoo akkas hin gonnee Yeroo hunda waanuma darbee qofatu sirrii ta’ee fudhatama. Sochii Oromoo kessatti hariiroon warri buleessii fi dargaggooti qabanis gaarii miti. Bulessooti qabsoo Oromoo kessa turan gariin hariiron isaan warra dargaggoota waliin qaban kan irkatummaa(paternalism) fakkaata. Dhaloota haraaan waa beeka, dhugumaan qabsoo Oromoo irratti amantii qaba yaanni jedhu irraa hin mul’atu. Akka lakkobsi uummata biyya sana 2007 godhame agarsiisutti namni wagga 34 fi sana gadii uummata Oromoo kessa 75% olii dha. Yoo amantii qaama hawaasa hagana gahu irraa dhaban qabsoon kun fulduree qaba jechuu dandeenyaa? Amantii dhaloota harayaa kanarra dhaburraa kan ka’e umurii guutuu irrumatti cichuuf tattafatu. Haallen(tendency) akkas kun aadaa Oromoo isa guddaa sanarraa waan fallesuu dha. Sirna Gadaa kessatti Oromoon uumurii isaa kessatti gayeen isaa(role) yeroo kaga yerrootti jijjiramaa(redifned) ta’a deema. Namni tokko waggoota dheeraaf gayee tokko(role) wal-fakkataa tokko qofa hojjataa hin deemu. Haalli kuni illee gufuu guddaa ta’a jijjiirraa barbaachisubfiduuf. Kuni kan jijjiramuu danda’u yoo dhaloota gidduuttii(inter-generational dialogue) eegale qofa dha. Amma warruma wal-hin beekne tokkotu waliin jiraataa waan jiru fakkaata.

 

Kanumaan wal-qabatee hayyooti Oromoo of-irratti irkatoo(independent ) ta’anis hedduu miti. Hayyooti hedduun kallattiin ykn bifa biraatiin gartuulee(gareelee) kanatti hidhaa qaban. Namni kamuu akka hayyootaa fi beektota dhugaa waliin dhabbatanii ykn (yabudoo)??(neutral) isaan hin ilaalu. Kunis rakkoo kana daran ammeessee jira. Kanaaf rakkoo kana hiikuuf hedduu rakkisaa godha. Yoo rakkinoota kana amma hubatanii irraa aanuuf tattafatan akkuma duraan jedhe sana rakkoon hin hikamnee hin jiru ni hiikama.

 

Biiftuu Biiliisa; yeroo ammaa Oromo Dialogue Forum(ODF) jedhamee mariin iddoo addaa addaatti ballinaan geggeffamaa jira hata'u malee kaayyof galiin marii kanaa maali?

 

Garasuu:Haga hubannoo kiyyaatti kaayyoon marii kanaa rakkinoota (sochii)? Qabsoo Oromoo kessatti uumame kana xinxaluun fuldureen qabsoo Oromoo garamitti deemuu qaba yaadaa jedhu wal-jijjiruun hubannoo kara tokkotti gessuudha.

 

Biiftuu Biiliisa; Adeemsi marii mooraa qabsoo Oromoo keessati godhamaa jirukun qabsoo Oromoo laafee jiru kana nijabeessa jette yaada? Akkamitti?

 

Garasuu; Gaaffii kuni akka ani hubadheetti sochii ODF godhaa jiru waan ilaaluu natti fakkaata. Sadarkaa amma jiru kanatti jala muranii sochiin kuni laafina sochii qabsoo Oromoo kessa jiru kana guututti ni fura ykn hin furuu jedhanii dubbachuun nama dhiba. Asirratti dursee waanan jechuu barbaadu barbachisummaan marii waan wal-nama gafachiisuu miti. Yeroo sochii Oromo fulduratti tarkanfatuu dadhabee danqamee dhabbatu kanatti mariyatamuu hedduu barbaachisaa dha. Akkuman jedhe mariin ODFn eegalee kun bu’aa barbaachisu ni buusa moo hi buusu jechuuf adeemsa isaatu murteessa. Waanti gaariin dura fedhii marii jiraatuu fi yaadii gaariin jiraachuu isaa dha. Rakkoon yaadii gaarii(intention) qofti rakkoo hin hiikuu. Mariin kuni akkamitti deemuu qaba yaadii jedhu sirritti bilchaatee akkaataan itti mariin kuni deemuyyuu caaseffamuu(structured) ta’uu qaba. Sadarka sadarkaatti(phase by phase) akkaataa itti yaadootii hawasaa Oromoo kessatti walxaxaa uumanii fi bakka amma nu jirru kanaan nu gahaan hubachuuf waltajjiin kuni akka gaarii tokkotti yaadaa jajjabaan akka dhiyaatuu fi falmii(debate) akka deemuu godhuu feesisaa. Warri yaadaa marii kanarraa shakkii qabanis waan kanarratti gumaacha guddaa godhuu ni danda’u. Namootuma marii kana gaggessanii fi yaada dhiyessanirratti xiyyeefachuurra(focus) yaadaa irraa wayyaa fi akkamiin rakkoon kuni akkam otoo ta’ee hiikama yaadaa jedhurratti uummataaf filannoo dhiyessuu qabu. Haalli kessa jirruu kuni hedduu walxaxaa fi rakkisaa dha. Akkuma nuti hawwinu kana kessatti yeroo gababa kessatti furamuu dhiisuu ni mala. haata’u malee kallattii gaarii irraa akka bu’uuf tattaaffiin qalbii gaariin godhamu hedduu barbaachisaa dha.

Rakkoon sochii(qabsoo) Oromo kessa jiru kun walxaxaa fi yeroo dheeraa kessa konkolataa bakka amma jiru kana gahe. Sababiin laafina kanaas bifa adda addaatiin hubatama. Rakkoon tokko hiikuuf dura madda rakkoo sana kessatti humnooti siyaasaa fi hayyooti uummata sanaa wal-hubannoo walfakkaataa tokko irra gahuu qabu.

 

Qaamni rakkoo kanan hiika jedhus haala kana hubachuun rakkoon kun qola(layer) hedduu akka qabuu fi sadarka sadarkkaatti akka hikkatuuf rakkinoota haga ammaa turan kana irra deebiyani xinxaluu fi ilaaluun barbaachisaa dha. Rakkinoota kana ilaalchisee hawaasa Oromoo kessaa ilaalcha hedduutu jira. Waan qaamni tokko rakkoo jedhu qaamni biraa jechuu dhiisuu ni mala. Waan qaamni tokko furmaata jedhu kan biraa ni morma. Kan mormu kunis furmaata jedhe waan inni dhiyeessu kan dura mormame sun ni morma. Walumaa gala haala wal-sakaallatu(mutual trap) sochii kana kessa jira.

 

Ilaalchaa fi yaadoota hawaasaa Oromoo kessa jiran kana kessatti falmiin adda addaa akka deemu waltajjii banuun barbaachisaa dha. Suuta suuta jedhanii wal irratti amantii(confidence) ijaaraa deemuun barbaachisaa dha.Sochii Oromoo kessatti hariiroon akkasii kun hin baramne. Walgayii Oromoo kessa yeroo hedduu hariiroo barsiisaa fi barataatu jira. Aadaa akkasii kessatti yaada addaaf carraan hin jiraatu. Kanaaf ODFs dabalatee qaamni rakkoo jaarmiyoota Oromoo kessa jiru kana hiikuuf tattaafatu rakkinoota laafina haga ammaa kessa jirru kana nutti fidan irra deebi’uu irraa of-eeggachuu qabna. Maaltuu badee kan jedhamu kun sirritti beekamuu qaba. Sana godhuuf obsaa fi yeroo dheeraa gaafata. Yeroo gababa kessatti otoo marii fi falmiin baldhan deemee xinxalli gaariin hin godhamiin furmaata muddamaatti(ariifannaatti) (quick fix) kan deemamu yoo ta’e rakkoo guddaan uumamuu ni danda’a. Kanaaf eeggannoo guddaa barbaachisa. Laafinni mul’ate kun, sadarkaa mul’ataatti, sadarkaa tarsimootti, amalaa jaarmiyaa, aadaa hojjii fi siyaasaa, hariiroo uummata waliin jiru, hubannoo kessaa fi alaa, xinxalaa fedhii humnoota kessaa fi alaa fi wkk sirritti xinxaluun yoo hojjatame bu’a ni fida. Akkaataan hojjii itti hojjatanis hundeedhaan jijjiruun barbaachisaa dha. Akkuma barame sanaa fi waanuma baramee sana hojjatuun bu’aa addaa eeguun ni rakkisaa.

 

Biiftuu Biiliisa; Qabsaa'ota ODF geggessaa jiran irratti hololli addaa addaa odeeffamaa jira isa kana ilaalchisee yaada akkamii qabda?

 

Garasuu; Oromoota ODF geggessaa jiran dabalatee Oromootaa fi gartuulee sochii Oromoo kessatti sochii adda addaa godhaa jiran hundaratti hololli deemaa ture. Amma illee deemaa jira. Holollii meeshaa siyaasaa kessa isaa tokko dha. Diina irratti kan godhamu yoo ta’e jechuu koo dha. Haata’u malee holollii hundee qabatamaa tokkoo yoo qabaate qofa diina irrattuu bu’aa fiduu kan danda’u. Holola sochii Oromoo kessatti balínaan wal irratti oofamaa jiru kana ilaalchisee waan jechuu barbaadu tokko, dhukkuba sochiin Oromoo dhukkubsatee kessa isa tokko ta’uu isaa dha. Akkuma gaaffii lammataa jalatti deebisuuf yaale tokko sochii Oromoo kana kessatti aadaan bodessaan(reactionary political culture) dagaage tokko holola hundee qabatamaa hin qabne adeemisuu dha. Jaarmiyoota siyaasaa Oromoo kessatti mataan yaaduu fi waan harayaa burqisiisuu otoo hin taane arraba dubbatu hedduutu uumame. Warri akkasii kunoo dhukkuba siyaasaa dhukkubsataa waan jiraniif wal’aansa (political therapy) isaan barbaachisa. Warri namoota arraba dubbatu malee yaaduu hin dandeenyen marfamanii ho’ifatanii jiratanis fayyaa dha jedhanii yaaduun na rakkisa.

 

Gaaffiin waan kana waliin wal-qabatee ka’u tokko aadaan hololaa kun maal irraa maddee kan jedhu dha? Akka hubannoo kiyyaatti rakkoon akkasii kun kan madde sababoota armaan gaditti argaman kanarra natti fakkaata.Sochii Oromoo kessattii aadaa yaada ofii ifaatti dubbachuu, ragaa(evidence), tartiiba yaadaa(logic) ykn ammoo sababii irratti hundaa’uun amansiisuuf ykn amanuuf tattafachuun hin jiru. Kanaaf namni tokko yoo yaada namni biraa/gartuun biraa qabu iraa adda yoo fidee dhufe yaadin sun sirrii dha ykn sirrii mitii jedhanii bifa sirna qabu tokkoon falmuu irraa madda yaada sanaa faalutti(yakkuutti) deeman. Warri Faranjii waan kana “ad hominem” ykn ammoo “poisoning the well” jedhuun.Yaadicha otoo hintaane abbaa yaadaa sana irratti xiyyeffatu jechuu dha. Warri akkana godhu kun yeroo hedduu warra yaada sana yaadaan diiguuf dandettii ykn beekumsa hin qabnee dha. Kan diinummaafis godhu ni jira. Kanaaf aadaan hololaa tokko kan ittiin dura dhabbachuun danda’amu hawaasa tokko kessa yaadi adda addaa akka jiru beekamee/fudhatamee yaadoota sana ifaatti ibsuu fi falmuun aadaa akka taú, namn illee sana kessa qaramaa akka deemu godhuun barbaachisaa dha. Jaarmiyaa siyaasaa kessattis akkasuma. Jaarmiyaa yaadi adda addaa kessaa hin burqine tokko yoo miseensota lubbuu hin qabneen ykn yaaduu dadhabeen ijaarame qofa dha. Aadaan falmii(debate) kun akka inni dagagu godhuu irratti hayyooti Oromoo gayee isaanii bahuu qabu yaada jedhuun qaba.

 

Sababiin biraa kan aadaan hololaa kuni akka dagaguu godhee namooti hedduun waan jedhamuu fi barreffamu dhugummaa (dhugaa ta’uu) isaa otoo hin mirkanessiin fudhachuu isaanii dha. Yeroo tokko tokko namni gariin hololli deemu sun yoo nama/gartu isaan jibban irratti kan deemuu ta’e dhugaa ta’uu baatu illee callisanii ilaalunis aadaa isa waan kan hammessee kessaa isaa tokko dha. Walumaa galaatti hololli qabatama hin qabne yeroof warra irratti deemaa jiru sana waan miidhuu fakkaatu illee dhuma irra deeme deemee warruma adeemsisaa jiru sana hojjiin ala godhaa deema. Gartuwwan nama yaada qabu dhiibuun warruma nama arrabsuun marfamanii jiranis suuta suuta warri arrabaa kun baquun ykn warruma waliin jiranittuu deebiyuun wal-diigaa deemu. Haala kana gututti jijjiruuf waanti guddaan godhamuu qabu tokko waan jedhamuu fi barreffamu ragaa qabatamaa qaba moo hin qabu waan jedhu sana xinxaluu fi aadaan akkasii kun sochii Oromoo kessaa akka buqqa’u irratti hojjachuu feesisa.

 

Biiftuu Biiliisa; Oromoon saba baldhaa akkasumas biyya qabeenyaan badhaatuu taate osoo qabuu wagoota heduuf halagaatin bitamaa tureera amas tanan gara hangootti dhufuu hindandeenye tarii sagantaa siyaasaa waliin walqabatee yokan karaa biraanis yoota'e maalif sitti fakkaata?

Garasuu; Gaaffii kana otoo hin deebisnee dura aangoo qabatuu jechuun maal jechuu dha yaada jedhu íbsuu barbaada. Waan kana jedhuuf yeroo hedduu yaadi kun akka maleetti yoo hubatamu waan arguufi. Uummati tokko aangomuu( empowerment) fi namooti uummata sana kessa bahan aangoo irraa koruun waan adda addaa ti. Aangomuu uummataa jechuun uummati tokko ykn qaamni uummata sana kessa bahee tokko biyya ofii kessatti murtii siyaasaa, diinagdee fi hawasuummaa biyya sana kessatti darbuu kessatti akka inni fedhii uummata isaaf ta’utti dabarsuuf aangoo fi humna qabaatu jechuu dha. Aangomuu dhabuu uummata keenyaaf sagantaan siyaasaa murtessaa dha jedhee hin amanu. Sagantaan siyaasaa homaa fayidaa hin qabu jechuu miti. Garuu sagantaan siyaasaa qofti madda aangoomuu(emporment) ta’uu hin danda’u. Akka ani ilaalutti sababaan uummati Oromoo aangomuu dhabe lama dha. Uummati tokko aangomuuf(empowered) yoo xiqqaate waan lama jiraatuu qaba.

Innis:

 

Tokkoo sirna-caasaa(institution) biyya sanaa fedhii uummata sanaaf kan ijaarame ta’uu qaba:inni lammataa bu’uurri hawaasummaa fi dinagdee( social and Ecnomic base) aangoon suni irra dhabbatu biyya sana kessa jiraatuu qaba. Bakka kuni lamaan hin jirreetti uummati tokko aangomuu(empowered)hin danda’u. Yeroo hedduu waan kuni namooti uummata tokko kessa bahan aangoo qabachuu waliin afaan-fajjii yeroo uumu mul’ata. Namooti uummata tokko kessaa bahan otoo waan gubbaatti jedhe suni lamaan hin jirre aango irra bahuun hiikaa tokko illee hin qabu. Ammas yoo illeallee namooti maqaa Oromootiin aangoo qabatan jiran. Haata’u malee Oromoof bu’aa buusaa jiruu jennee yoo of gafannee deebiin isaa mitii ta’a. Maaliif yoo jenne, sirna-caasaa(institution) biyya sanaa kan dhabbateef fedhii(interst) uummata biraaf waan ta’eef. Warri suni akka salphaatti meshaan isaan ofiif ijjarratan akka nama biraatiif ooluu tole hin jedhan. Sana qofa mitii bu’uurri hawasummaa fi dinagdee( social and economic power base) biyya sana kessatti ijaaramee(entrenched) ta’ee jiruus kan uummata Oromoo otoo hin taane kan warra biraati. Kanaaf warra aango irraa jiru kunis humnoota kanaaf hojjatan. Namooti maqaa Oromoon ammaa aangoo irraa jiran waan hamaa ta’an qofaaf mitii. Namooti yaada gaariin Oromoof hojjatuu fedhan kessa jiraatuu ni malu. Warri akkasii kuni garuu waan irra dhabbatan hin jiru. Doonii nama biraa irra ta’aa jiru waan ta’eef.

 

Biiftuu Biiliisa; Oromon akkamiin hangoo ofarka gashachuu danda'a jeta?

 

Garasuu; Akkuma gaaffii duraa kessatti deebisuuf yaale sanatti aangoo argatuu jechuun namooti afaan Oromoo dubbatan ykn dhiigaan Oromoo ta’an aango irraa bahuu akka hin taane irra deebiyee ibsuun barbaada. Kanuma waliin hawaasii tokko humnooni sochii ijjaramaa fi qindawaa godhuu isa barbaachisa. Baroota dheeraaf uummati keenyaa waan hunda irraa moggafamee ture/jiras. Siyaasa irraa qofa mitii. Barumsaa, sochii aadaa, sochii diingadee fi sochii hawasummaa biroo kuni guddina uummata tokkoo fi aangomuu uummata tokkoof hundee ta’un hunda irraa.Oromoon humna ta’uuf sochii isaa kallatti-heddummessa(multidimentional movement) ta’uu qaba. Waan uummati biraa hojjatu irraa nuti sochii siyaasaa goonuutti daballee dachaa dachaa hojjachuun, wal-gargaaruun humna ta’uu feesisa. Kuni akkuma jirutti ta’ee madallii humna biyya sana jijjiruuf Oromoon bifa adda addaatiin ijaaramee socho’uun irraa eegama. Yoo bifa adda addaan jabaatee ijjarame uummata Oromoo aangessuuf waa lama godhuun ni danda’ama.

 

Tokko sirna-caasaa(insititution) biyya sanaa hundeetti jijjiruun( fundemental transformation) akka inni uummata Oromoof hojjatu godhuu ykn ammoo akka harayaatti sirna-caasaa(inistitution) Oromoof hojjatu ijaaruu feesisaa. Kuni fedhii fi hawwii qofaan dhugoomuu hin danda’u.

Jaarmiyaa jabaa qabaachuun, humnaa fi dandeettii namaa akkasumas qabeenya sochoosuun madallii humnaa jijjiruun qofa ta’a. Yoo sana hin taanee warri humna ta’e jiruu fi amma waan hunda of harka qabu kan, waan nuti bara dheeraa cunqurfamneef ykn uummata hedduu waan taneef nutti hin kennan. Yaadii akkanaa kuni daqiiqaa tokkoof illee mataa nama Oromoo kessa seenuu hin qabu.

 

Biiftuu Biiliisa; dhumaratti ergaa dabarfachuu barbaadu yoo jiraate carraan siif kena

 

Garasuu; Yaada hedduu gaaffii fi deebii kessatti ibsachuuf yaaleen jira. Dhumarratti waan jechuu barbaadu uummatii Oromoo biyya kessa jiru furmaata ajaaäibaa ala kana irraa eeguu hin qabu yaada jedhuu dha. Uummati Oromoo baldhaan biyya kessa jira. Qabeenyi Oromoos aangoo irratti qabaachuu bannuus Oromiyaa kessa jira. Kan kallattiin cunqursaan dararamaa jiruus Oromoo biyyaa kessa jiruu dha. Kanaaf furmaati rakkoo kanaas kan barbaadamuu qabu achuma kessaa ta’uu isaa beekuu qaba. Warri biyya alaa jiru waan tokko tokko gargaaruu ni danda’an. Garuu furmaatii biyya alaatii ykn biyyaa oollaatii nuuf dhufaa jedhanii of sobuu gonkuma hin qaban jedhe yaada. Oromoon bifa adda addaatiin of ijaaree rakkoo uummati keenya bara dheeraaf kessa jiru kana furmaata akka argatu hojjatuu qaba jedhe ergaa dabarfatuu fedha. Hayyootii fi gartuuleen siyaasaa biyya alaa jiranis uummata sobuu dhiisanii akka uummatii furmaata barbaddatuu gargaaruu qaban jedha. Kana jechuun tattaffiin isaan godhan gonkuma dhabbatuu qaba jechuu miti. Isaanis rakkoo kessa isaanitti walxaxee jiru hiikuuf tattafatuu akka qabanis yaadachiisuu fedha.

 

Gaaffiif deebii Dargaggoo Garasuu Tufa waliin goonerra barumsa akka argatan abdachaa dargaggoo Garasuu yeroo isaa nuuf kennee haala jirurra waan hubatef yaada isaa nuuf ibsuusaaf maqaa qophesitoota barulee biiftuu Biiliisan galata gudaa qabda.

 

HTML Comment Box is loading comments...