Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Union of Oromo Students in Germany (UOSG)

Baga Nagaan dhuftan! Welcome! Herzlich Willkommen!

If you want a copy of Biiftuu Bilisaa contact us through the contact address

 

 

In our 10th volume issue 02 Obbo Baqqalaa Tafarraa was our guest and present you his interview as follows:

 

Qophessaa: Gamta Takkalaa Riqitu

 

Biiftuu Bilisaa: Obbo Baqqala duraan dursee akka isin of beksiftanin isin afeera.

 

Obbo Baqqalaa: Galatoomaa. Ani Baqqala Tafarraa Ayyaanaa jedhama. Umriin kiyya Bara 50 ergi qaxxaamure bubbulee jira. Fiigicha jiruuf jireenyaa cinaatti Godaanaa fi Liiban (Ijoollee kiyya) waliin Seera Oromootiin bultuu fi hinbulluu irratti wal falmaa bara lakkaawwachaa jirra.

 

Biiftuu Bilisaa: OMHRO eenyu?

 

Obbo Baqqalaa: Gaaffii keessan kana yeroon deebisu akka miseensa OMHRO tokkootti wan ta´eef jechonni “ nu”, “ raawwannee jirra” fi kkf argitu. Kana jechuun OMHRO jechuu akka ta´eetti haa hubatamu. OMHROn Jaarmolee Oromoo Mirga Dhala Namaa Waliigalaaf, keessumaa ammo rakkoolee bifa hedduu ummata Oromoo irra gahaa jiruuf, sagalee ta´uu dhaan biyya Alaa kanatti socho´an keessaa tokko dha. Kan inni bu´uureffame bara 2005 yoo ta´u kan inni seeraan galmaaye ammo bara 2006 dha.

 

Biiftuu Bilisaa: OMHROn Maal hojjeta?

 

Obbo Baqqalaa: Akkuma Seera OMHRO tti hojiin keenya irracaalaa hujii iyyaannoo ti. Iyyannoon keenya cuunfaatti:

  • yoo namoonni biyya keessaa rakkoo siyaasaatiin mirgi isaanii dhalootaa sarbamanii hidhaman, Odeeffannoon nu gahu hidhamuu isaanii website keenya irraatti baasuu, ijaarsota kan akka Red Cross fi Amnesty International, Human Rights Watch fi kkf tti beeksisuu dha;
  • yeroo biyya biraatti qubsumaf karaa abbaa dhimmaa ykn karaa Jaarmolee baqqattoota akka UNHCR gaaffii raga-bahuu(affidavit) gaafatamnu birmachuu dha. Karaa kanaan hanga ammaatti lammii keenya biyyoota Ollaa irraa biyya Ameerikaa, Australia, Canada, Sweden, fi biyyoota Awurooppaa keessa qubataniif qooda keenya gumaachineejirra. Hedduun isaanii irraas xalayaan “galatoomaa” jedhu OMHRO dhaqqabee jira.
  • yeroo namoonni biyya adda addaa keessaa qabamanii humnaan biyyatti deebifamuuf jedhan rakkoo isaan mudachuu malu ilaalchinee yaaddoo keenya ibsaa akka hindeebifne iyyaachuu dha. Karaa kanaan biyya Ameerikaa, Canada, Switherland tti milkoofneejirra.
  • akkasumas rakkoo siyaasaa ummata keenyarra gahaa jiru ilaalchisee biyyoota, qaamolee Mootummootaa fi Mootummaa hinta´iin adda addaa tti dhiheeffannu dha.

 

Kaayyoo keenya keessaa tokko gargaarsa(hirpha) kennuu dha. Namoonni keenya biyyaa bahan hedduun reebichaa gosa adda addaatiin qaamaa hir´atanii biyyaa bahu. Ergi biyyaa bahanii booda gargaarsa waan hinqabneef tajaajila fayya hinargatani. OMHROn ammoo humni dinagdee isaa dadhabaa waan ta´eef akka hawwuutti obbolaa keenya bira dhaabbachuu hanqata. Akkasumallee ta´ee obbolaa keenya hanga tokkoof biyyoota jiran keessatti akka hakiimamaniif gargaarsa maallqa godhee jira. Read More

 

 

In our 10th volume issue 01 Jawar Mohammed was our guest and present you his interview as follows:

 

Gaaffif Deebi Obbo Jaawar Muhammad Waliin Godhame

 

Qophessaa: Gamta Takkalaa Riqitu

 

Gaaffif deebi Obbo Jaawar Muhammad waliin goone armaan gaditti isiniif dhihessineerra. Haala qabsoon Oromoo yero ammaa keessa jiruf egeree qabsicharratti kanxiyyeffate waan ta'ef barumsa guddaa akka isin irraa argattan abdachaa Obbo Jaawarin maqaa dubbistoota barulee Biiftuu Bilisaatin gudda galateffanna.

 

Biiftuu Bilisaa; Duran dursee Obbo Jawar Mohammad akka of barsiiftanin isin afeera sochi qabso Oromoo kessattis ta'e hawwasa Oromoo kessatti ga'een keessan ykn hirmannan keessan maalidha?

 

Obbo Jawaar Muhammad; Jawaar Siraaj Muhammad naan jedhan. Yeroo ammaatti barnoota sadarkaa ol'aantiitin (graduate studies) hordofaan jira. Hojiin teenya garri caalu, waa qorachuudha. Ammaaf wannin qoradhu haariiroo diinagdee tan hawaasaafi mootummaa jidduu jirtu fuulleeffatti. Dhaloonni kiyya naannawa yeroo dheertuudhaaf sochiin qabsoo sabaa keessaatti godhamtu waan ta'eef joollummanin siyaasaa Oromootin walbare. Barnoota sadarkaa duraatirraa kaasee sochii barattootaa keessatti miseensummaafi hoggansaan hirmaachaan ture. Ala kanas ergan dhufe sochii dargaggootaa keessatti waggoota muraasaaf hirmaadhen jira. Yeroo ammaa xiinxala siyaasaatifi gorsa tarsiimoofi tooftaa qabsootiin jaarmayoota gargaaraatif kennutti jira. Hireen argadhetti cunqursaafi hacuuccaa Oromoorra gahu ninbarreessa; dubbadheetis dubbiidhaan nin hima. Kanaas namootaafi jaarmayoota qabsoo oromoo gargaaruu nidanda'an jedhee yaaduttin hima. Wanni namni biyya alaa jiru gochuu dandayuus kanuma..

 

Biiftu Bilisaa; Obbo Jaarraa Abbaa Gadaan lubbudhan darbusaanitti Oromon hundikenya gadda guddaatu nutti dhaga'ame. kan nama dhibu Oromon walirratti duulaa turelle bakka jiru walbukke dhabachun gadda‘isaa dhagessisaa ture gargaarssalle bayye godhanif. Paltalki irrattile wal arrabsuun hafee afaan tokkoon hasa'a turani. Haata'u male ammas walirratti duulun, maqaa walxuressuun, walccaccabsuun itti deebi'era. Aadaan hololaa kun maal irraa madde jettu isin? Akkamin hafuu danda'a jettu? Read more

 

In our 9th volume issue 02 Jawar Garasuu Tufa was our guest and present you his interview as follows:

 

 

Erga ummani oromoo kiyyoo gabrummaa jalatti kufee kaasee mootummoonni darban gara hangootti dhufan hundi miidhaa gurguddaa ummata keenyarraan ga’aniiru. Kana baruuf ammoo ummani keenya baroota dheeraf halani keessa darbef hara keessa jiru ilaalun ga’adha. Mootummoota darban keessaa mirga abbaa biyyummaa ummata oromoo kankabaje tokkolee hinture. motumaan wayyanee ha’a hangoo dhuunfatee kanjiru sirna federalisiman ofbulchina jechaa miidhaa daangaa hinqabne ummata keenyarraan ga’aa jira. Haata’u malee caalatti ummata oromoo gabrummaa jala akka jiratu kangodhe inni guddaan tokkummaa dhabinsa. Yeroo ammaa haalli jaarmiyaaleen oromoo keessa jiran yoo ilaalle baayye kan nama qaanessudha, ittu qabsoon oromoo akka laafu godhee jira. Isa kana ilaalchisee haala qabsoon oromoo yeroo amma irra jirurratti gaaffif deebii dargaggoo Garasuu Tufa waliin goone akka armaan gaditti dhihesinera.

 

Biiftuu Biiliisa: Jalqabarratti gababsitee akka ofbarsiistun sigaafadha ga'eenke yokan hirmaannankee hawaasa yokan qabsoo oromoo kessatti maali?

 

Garasuu: Ani gidduu galessaa Oromiyaa naannoo Aqaaqittin dhaladhee. Guddinii fi barumsii koo magalaa Aqaaqii kessattii dha. Eegaan barumssa fixee University Finfinnee galee sochii barattoota Oromoo keessatti hirmaataa waanan tureef rakkoon narraa gaheen anaa waggaa 4 barataa jiruu biyyaa bahuuf dirqamee. Eegaa yeroo sanatii waggoota 10n darbe kana kessatti yeroo dheeraaf sochii Oromoo kessatti bifa adda addaatiin hirmaatan jira. Ammaaf kanumaan jedha.

 

Biiftuu Biiliisa: Maqaa ABO tin dhaabni waamamu yeroo ammaa gara dhaba afurii akka ta'an nibeekama kun ammoo waldhibdee moora qabsoo Oromoo keessatti uumame irraan kanka'edha jedhama mee waldhibdeen uumamee dhaaba kana iddoo afuritti isa hire kun maalidha jetta?

 

Garasuu: Akkuma ati jette dhaabooti yeroo amma maqaa ABOn socho’an hedduu ta’anii jiu. Qoqqodamuu isaaniitiif waan sababa ta’e hedduu maqaa dhahuun ni danda’ama. Asirratti sababa hunda gutuutti ibsuuf yeroo fi bakka fudhatuu ni mala. Garuu sababoota akka Mulata ifaa(Clear Vision) dhabuu; Tarsimoo fi Toftaa dhugaa-hundessuu(realistic) fi hojjataa(workable) dhabuu; jaarmiyaa sona-qabessa( vibrant organization) dhabuu; toftaa wal-diddaa kessaa ittiin hiikan dhabuu(lack of internal built conflict resolving mechanism); dandeettii fi leenjii dhabuu qabsa’otaa fi hogganootaa; diinaa fi firaa ifaatti addaan baasuu wallaaluu; haala keessaa fi alaa sirritti hubachuu dhabuu(lack of understanding of internal and external environment); fi aadaa siyaasaa bodessaan sochii qabsoo Oromoo kana kessatti dagaaguu dha jedheen amana. Sababiin kunniin hundinuu bifa adda addaatiin laafina sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kessa jiru fi qoqqodamiinsa uumame kanaaf gummaachanii jiru. Yaada kiyya sirritti ifa godhuuf qabxiiwwaan akka sababaatti kaasee kanneen kessaa tokko tokko ibsuufan tattafadha. Read More

 

 

HTML Comment Box is loading comments...